More
    Home Blog Page 2

    Tarkaanfiin Irreecha Finfinnee fi Arsadii irratti fudhatame qaama sabboonummaa, tokkummaa fi duudhaa Oromoo ajjeesuuti

    0

    Abbootiin Gadaa bitamuu ykn shira PPn gowwoomuu hin oolle

    Irreechi Hora Finfinnee fi Arsadii, inni bara 2020/13, irreeffatamee irra yaadatame waan jedhutu ibsa. Kunis sababa mootummaan Abiyyi Oromoon Irreecha irratti akka hin argamne dhoorgeef. Abiyyi Finfinnee fi Bishooftuu dirree waraanaa, Baadmeedha, kan fakkeesse.

    Nama hanga 6000 ta’u, sanuu kaadiree PP fi nafxanyoota filataman, ni hirmaachisa jedhamee eegamus, dhumarratti namni baajii argatee Irreecha baranaa irraa qooda fudhate dhibbaatamaan malee kumaatamaan waan laakkawamuu miti. Irreechi akkanatti bacancaruu fi Oromoo dirree irratti salphatuu isaatiif Abbootiin Gadaa fi mootummaan qeeqamuu fi seenaa keessatti itti gaafatamuu jala awaan bayan hin fakkaatu.

    Irreecha Finfinnee fi Arsadii irratti Oromoon akka hin hirmaanneef jecha mootummaan torbaanii oliif sochii ummata hidhuu, daandii cufuu fi saba ololaan doorsisuu irra ture. Warra mootummaan filateen alatti sabni badhaan akka hin hirmaanne kan godheef, akka mootummaan jedhutti, sodaa COVID-19f. Sababni mootummaan dhiyeesse, halkan guyyaa himamus, kan amane hedduu miti.

    Kaayyoon Irreecha danquu siyaasa. Kunis rakkoo mootummaan nafxanyaa sabboonummaa, tokkummaa fi duudhaa Oromoo irraa qabu warri jedhan ni heddummaatu. Kanaafis sababni isaan dhiyeessan mootummaan Abiyyi sabbonummaa Oromoo irratti kan duula baye ta”uu isaatii fi ayyaanni Masaqalaa torbaan kana keessa Baahir Daar, Finfinnee, Gisheen Dabra Karbee fi magaalota heddu keessatti miliyoonotaan kabajamuu isaati.

    Mootummaan Irreechi akka kabajamu fedheera odoo ta’ee ummanni of eeggannaa guddaadhaan, akkasumas yoo barbaachise marsaa marsaadhaan guyyaa guutuu irreeffataa akka oolu godhuun ni danda’ama ture.

    Tarkaanfiin Irreecha ugguruu mootummaan fudhate Oromoo daangaa daangatii dheekkamsiisee jira. Ummanni Irreechaaf bobba’es gocha mootummana mormuudhaan Finfinnee iddoo addaddaatti mormii geggeessaniiru.

    Dhimma Ireechaan walqabatee ummanni nagaa kumaatamatti laakkawamu humna mootummaan hidhamuu, rukutamuu fi daandii irratti rakkachuuf saaxilameera.

    Ministerri Saayinsii fi Barnoota Sad Ol’aanaa raajii qabatee as baye!

    0

    Fiigicha Irreecha irratti alaabaa ABO (Oromoo) qabachuu dhoorgan. Ajab jenne. Sun gahaa hin taane. Wanti biraa qophaayes jira adaa; nutu quba hin qabne malee. Amma ammoo mormii ykn hookkara barattoonni mooraa yunivarsiitii keessatti geggeessuu malaniif qajeelfama maatiin barattootaa osoo hin hafin yakkamaa taasisu qabatee as baye Ministerri Saayinsii fi Barnoota Sadarkaa ol’aanaa. Kun dhugatti waan ajaa’ibaati. Sammuu fi ilaalcha barattootaa piroppaagaandaa dhuma hin qabnee fi civics kennaa turan hin geeddarre maatiin akkamitti jijjiiruu dandaá?

    Dhiiroo jijjiiiramni akkanaa miti. Jijjiiramni kumaatamni itti wareegames kanaa miti. Saffisaan hin sirraayu taanaan daandii kun kan geessu gara ukkaamsaa fi abbaa irrummaatti. Abbaan fedhe aangoo irra haa jiraatuu abbaan irrummaa waan barbadeessuuf ummanni qabsaaye malee waan ummanni simachuuf qophaayee miti.

    Hookkara hiikkaa hin qabne kan fedhu tokko hin jiru. Hookkarri yunivarsiitota keessatti darbaa darbaa mul’atu fokkisaadha. Garuu maatiin osoo hin hafin yakkamaa ykn itti gaafatamaa godhuuf yaaluun madaallii kamiinuu adeemsa sirrii hin taú. Biyya kamittuu waan maatiin ykn barataan mallatteesseef miti kan barnoonni yinivarsiitotatti naamusaa fi tasgabbiin adeemsifamuuf. Kan amma mootummaan godhaa jiru dhibeef dawaa biraa laatuudha. Ukkaamsaa simachuufis ummanni qophii miti. Rakkoo mulátuu fi borus kaúu malu bifa aadaa dimokratawaa gabbisuun irra aanuudha malee tooftaa ukkaamsaa lafti itti dhiite as deebisuun jalqabatti Dr Abiyyiif, itti aansee Oromoof qaaniidha.

    Paartii bu’uuressuuf mallattoo barbaachisuu gara 4000 ol guddisuun bibixxiilamiinsa hir’isuu mala

    0

    Naannoo Oromiyaatti paartii haarawa bu’uuressuuf mallattoon 750 gayaa ture. Maqaa paartii biyyoolessaa jedhu gonfachuuf mallattoo 1500 wolitti qabachuu qofa gaafata ture. Kun, sadarkaa Oromiyaattis ta’ee sadarkaa Itoophiyaatti, bibixxiilamiinsa paartii uumamaniif balbala bal’isee osoo hin saaqin hin hafne. kaleessa Woyyaaneen sababa kana gooteef qabdi. Har’a bifa kanaan itti fufuun Oromiyaaf faaydaa moo miidhaa qaba?

    Waa’een tokkummaa dhabuu fi bibixxiilamuu paartilee siyaasa Oromoof yaaddoo guddaadha. Paartileen siyaasaa bakka 10 olitti bibixxiilamanii dantaa Oromoo kabajsiisuun, waan argame itti fufsiisuu mitii injifannoo dhiiga Qeerroon argame afaan alagaa buusuu mala.

    Rakkoo gama paartilee siyaasaatiin nu mudataaru irra aanuudhaaf falli kaayamuu qabu heddu ta’uu mala. Kitaaba koo keessatti falli tokko ulaagaa paartii haarawa bu’uuressuuf barbaachisu cimsuu ta’uu isaa barreessee ture. Paarlaamaa biyyattii dhimma kana hujitti jijjiruun isaa waan gaariidha. Kitaaba Siyaasa Oromoo: imala obsa fixachiisaa fi hegeree abdachiisaa jedhu keessatti fuula 285 irratti akkanatti barraayeera.

    Ulaagaalee bibixxiilamiinsa hir’isuu malan keessaa ‘inni tokko sadarkaa naannootti paartii dhaabuuf miseensa 750 amma barbaadamu irraa, fakkeenyaaf, gara 10,000 fi achii oliitti ol guddisuudha. Akkasumas, qaamonni paartii haarawa ijaaruu barbaadan 50% miseensota isaanii yoo xiqqaate godinoota Oromiyaa jiran keessaa yoo xiqqqaate 50% irraa miseensota akka walitti qabaniif haalduree kaayuu ta’uu mala. Oromoon barbaachisummaa paartii haarawaatti amane taanaan miseensa 10,000 mitii 100,000 godinoota Oromiyaa hundarraa walitti qabuun waan ulfaatu ta’uu dhabuu mala. Haalduree kaayuun namnoonni miseensota aanaa ykn godina tokkoo qofaa walitti qabanii maqaa Oromoo fi Oromiyaan paartii akka hin ijaarre daangessa. Paartiin hoogganootaa haga miseensaatti namoonni godina ykn gosa tokkoo keessatti walgayan maqaa Oromoon utuu hin taane, afaanfajjii dhiisanii, ifatti maqaa gosaa fi godinaan yoo socho’an woyya. Oromoon gosa, Oromiyaan ammoo godina tokkoo oli.’’

    Manniin barnootaa 32 ol keessatti qormanni kutaa 12ffaa hatameera

    0

    Gosi barnootaa hatamee fi qabxiin galmeeffame bakka hundatti wolfakkaata. Kun  qormaannii Finfinnee irratti hatamuu isaa mirkaneessa.

    Manniin barnoota naannoo Amaaraa qormanni itti hatame ykn deebiin qormaataa duratti barame haga himamaa fi tilmaamamaa turee oli. Akka qorannoon godhame ragaa bayutti yoo xiqqaate manniin barnoota 32 keessatti qormaannii gosa barnoota 5 (Bayolojii, Kemistirii, Ikonoomiksii, Siiviksii fi Seenaa) hatamuu isaa mirkanneeffanneera.

    Hanni qormaataa hedduu badhaa ture. Manniin barnootaa qormaannii keessatti hatamuun hanga ammaa mirkanaaye mana barnoota Belay Zeleke, Gojem Ber, Dangila, Dembecha, Damot, Enjibara, Tana Haik, Merawi, Kidamaja, Addis Kidam, Agaw Midir, Shikudar, Yismala, Quarit, Abay Mich, Durbete, Jiga, Shindy, Gonji, Fitawurari Habtemariyam, Genet,Abo, Girchech fi Qunzila dha.

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

     

    Manni barnootaa heddu kan qormaachisiise barattoota dhibba heddutti laakkayamu(bakka tokko tokkotti kumaa ol) ta’uun isaa barattoonni kuma heddutti laakkayaman deebii qormataa dursanii osoo hin argatin hin oolle.

    Bal’innaa fi sadarkaan hanni kun itti qindeeffame kan akeeku dhimmi kun gadi fageenyaan qoratamuu kan qabu ta’uu isaati. Qabxiin seeraan ala galmeeffame haqamuu fi yakkamaan hanna kana keesssaa harka qabu qbamuu fi adabamuu qaba.

    Barattoota naannoo biroo mitii ijoolleen naannoo Amaaraa fi maatiin isaanii akkamitti barattoonni manniin barnoota tokko tokko qabdii raajii jedhamu, kan ammas walfakkaatu, akka galmeessan gaafachuu qabu. Barattoonni qormaata hatan carraa barattoota naannoo biraa qofa osoo hin taane kan isaaniis akka cufaa jiran hubatamutu irra jira.

    Ejensiin Qormaata Biyyoolessaa qabxii barattoota kutaa 12ffaa ibsuu isaa hordofee qormaanni hatamuun isaa bal’inaan himamaa tureera. Qorannoon geggeessines kanuma kan dhugoomsuudha. Ejensichii fi ministerri barnootaa qabxiin barattoota 5000 rakkoo kan qabu ta’uu ibseera. Akka ibsa Ejensichaatti rakkoo qaba jedhamee ammatti kan haqame qabxii barattoota 68 qofa. Dhimmi qabxii barattoota 846 qoratamaa kan jiru ta’uu ibseera, Ejensichi. Kun sadarkaa rakkoo uumamee tasuma waan ibsuu miti.

    Filannoof baatii 9tu hafe. Hegereen Finfinnee maal ta’uuf?

    0
    Finfinnee fi hegeree isii

    Filannoo ifaa fi walaba ta’e geggeessinaan  Finfinneen gara Baaldaraas/ABN deemuuf; sanuu kan yoom akka deebitu hin beekamne.

    Filannoon biyyoolessaa woggaa dhufu baatii Caamsaa keessa geggeeffamuuf deema. Filannoon yeroo isaa eeggatee geggeeffamuun, haalli siyaasa biyyattii rakkisaa ta’uyyuu, gaarii ta’uu mala. Garuu, filannoon dhufaaru kuni Finfinnee, handhuura Oromoo, dachii goonni/Qeerroon meeqa wareegameef, akka laayyotti dabarsee alagaaf  laatuu mala. Oromoon Finfinnee ABN fi Baaladaraaf dabarsee laatuuf qophiidhaa? ODP fi paartileen siyaasaa Oromoo hundi kasaaraa maqaa filannoon nu mudatuu maluuf uf qopheessuu, tarsiimoo dantaa sabaa Finfinnee irratti eegsisaniin ammumaa diriirsuu qabu.

    Qaamota ‘filannoo, filannoo, filannoo’ jedhan keessaa inni tokko, tarii guddichi, Iskindirii fi Baalaadaraa isaati. Iskindirii fi gareen isaa waa malee ‘filannoo, filannoo, filannoo’ hin jenne. Sababa quubsaa qabu. Filannoon dirree isaan akka salphatti goolii heddu irratti nutti laakkofsiisan ta’uu qajeelatti beeku. Kun nu jalaas dhokachuu hin malle.

    Sababni isaan filannoo jedhaniif, tokkoffaa, laakkofsi Amaara Finfinnee keessa jiruu, kutaalee magaalaa/aanaalee hunda keessatti guddaa waan ta’eef filannoon ulaagaa dimokraatawaa isa bu’uuraa guutu  geggeeffame taanaan akka salphatti Finfinnee keessaa alatti akka nu ari’atan beeku. Kana Iskindirii fi kittillayyoonni isaa takkaa iccitii hin goone. Magaalaa Finfinnee irratti moo’achuu farrootaa kan mul’isu  hunda caalatti caalmaa laakkofsaa (demographic advantage) qabaniidha. Amaarri kutaa magaalaa Finfinnee 5 keessatti 50% oli. Kutaa magaalattii 2 biraa keessatti ammoo 40% oli. Kutaa magaalattii 5 irratti kophatti, 2 irratti ammo deeggarsa muraasa saboota bicuuu irraa argannaan akka salphatti kutaa magaalatti 7 dhuunfatu. Isaan hafan keessattis carraa moo’achuu gaarii kan qabu isaanuma. Kutaan magaalaa Finfinnee Oromoon keessatti baay’atu Aqaaqii-Qaallittiidha. Aqaaqii-Qaallittii keessattis yoo ta’e laakkofsi Oromoo 37% hin caalu. Kutaalee magaalaa Finfinnee 7 keessatti laakkofsi Oromoo 20% gadi.

    Lammaffaa, sodaa Oromoon magaalattii nurraa fudhachuuf ykn Oromsiisuuf deema jedhu guddatu warra Amaaraa bira jira. Magaalattii barabaraaf ‘Amaara, Amaara’ akka jettuuf xiqqiin hojjataaru. Sochiin sabboontonni Oromoo aadaa, seenaa, afaanii fi laakkofsi saba Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti akka dabaluuf hawwan ykn yaalan hidda akka hin godhanneef carraaqqiin gama kaaniin jiru salphaa miti. Wanti hojjatamaaru hundi ifattii miti. Isa mul’atu irra wanti dibame, keessa keessaan hojjatamaaru heddu. Foolliin Oromoo magaalattii keessaa akka hin urgoofe, aadaa fi afaan sabichaa akka hin mul’anne godhuuf hawwuu/hojjachuu irratti Baaldiraasii fi qeesonnis yaada walitti dhiyaatu qabu jechuun ni danda’ama. Ol’aantummaa laakkofsaa, aadaa, afaanii fi siyaas-diinagdee barootaaf ijaratan harka isaanii tursiisuuf fiigicha addaatti jiru. Shirris, biyyaa fi biyyaan alattis, xaxamaara.

    Haala rakkisaa kana keessatti, bakka Oromoon Finfinnee keessa jiraatu xiqqaa ta’etti, ammas irree siyaas-diinagdee tokko hin horannetti, dirree filannoo alagaaf mijataa ta’e seenaarra.  Woshaadoon seenaarru kun Finfinnee woggaa hedduuf nu harkaa baasuu mala sodaa jedhu qaba.  Finfinneen yoom teenna taatee beekti jechuu maltu.   Injiinar Taakkalaa Uumaa Oromoof waan raajii hojjate hin qabu. Ta’us garuu, bulchaa Finfinnee ta’uun isaa  qofti mar’umaa alagaatti ibidda qabsiise; yaaddoo guddaa keessa isaan seensise. Taakkalaan ykn namni Oromoo Finfinnee irra turuun isaa Oromoof hiika guddaa qaba. Madda abdiiti: boru tan caaltu ni dhuftii, dhawaataan Finfinneen harka Oromootti ni galti waan jedhu uuma. Abdiin kophaa isaatti waan guddaadha. Dukkana arguu irra ifnana argutu caala. Finfinnee ABN fi Baaldaraas too’atamuun hamilee Oromoo cabsuun isaa waan gaafii keessa seenuu miti. Waaqni isaan haa hoongessu!

    Haalli Finfinnee rakkisaadha. Yeroo hamatti, qophii gahaa osoo hin godhin, filannoo seenaarra. Filannoo jedhaa saamicha sagalee irratti bobba’uun faallaa hawwii sirna dimokrasii ijaaruuti. Filannoo ifaa fi walaba ta’e (fair & free election) geggeessinaan ammoo Finfinneen gara Baaldaraas/ABN deemuun isii waan hin oolle; sanuu kan yoom akka deebitu hin beekamne.

    Akkuma gara gubbaatti ka’e, kutaan magaalaa/aanaan Finfinnee laakkofsi Oromoo keessatti 37% caalu tokko hin jiru. Haala amma siyaasni biyyattii itti taphatamu kana keessatti Amaaraa mitii Guraageen Oromoof sagalee ni laatti jedhanii eeguun uf gowwoomsuu ta’uu mala. Hundi dirree filannoo seenuu kan qabu laakkofsa saba isaa hedateeti. Yeroo kanatti kan kaasus, kan kuffisus lammii ufiiti.  As biratti saba Amaaraa fi Guraagee biraa kaadhimamaan Oromoo sagalee tokko hin argatu jechuu kiyya akka hin taane haa hubatamu. Kan jedhaa jiru sagalee ykn deeggarsi moo’ataa nama taasisu, paarlaamaa nama seensisu alagaa irraa hin argamuudha. Biyya siyaasni sarara sabaa hordofee baqaqe keessatti namoonni akka Dr Abiyyi, Ob Lammaa fi inj Taakkalaa sagalee saba biraa hedatanii dirree seenuun uf gatuu ykn hiree ufii fi hegeree saba Oromootti taphatuudha.  Bakka deeggarsii fi laakkofsi Oromoo amansiisaan hin jirretti, deeggarsi saba biraa boraati yoo ta’een alatti utubaa kufaatii irraa nama baraaru ta’uun isaa mamsiisaadha. Kana keessatti Inj Taakkalaniis ta’ee sabboontonni Oromoo biroo bifa kamiin sagalee gayaa Finfinnee keessatti akka argatan beekuuf nama rakkisa. karaa edaasaan heerregaa sirrii ittiin dhufu arguun ni rakkise. Dur gantuun maqaa Oromoon daldaltu waan ni argatti ture. Bara kana, yoo akka dhaadannaa Baaldaraasii fi ABN, gantuun Oromoos Finfinnee ABN keessatti maandheffate keessatti hiree waan argattu hin fakkaatu. Carraan dhiphoon jiru, yoo paartilee fi kaadhimamtoonni hedduu sagalee walsaamaniidha. Sun qaawwala marfee hulluuquu irra waan salphatuu miti.

    Filannoon dimokraatawaa (fair & free election) geggeeffame taanaan carraan farronni Oromoo magaalattii harkatti galfachuu bal’aadha. Kun dachii Miniliik qawween irraa nu ari’e, tan harkatti deeffachuuf Oromoon barootaaf gatii guddaa itti kaffale irbaata farrootaa akka taatuuf qoriidhaan mijeessanii laatuudha. Finfinneen, erga qabsoo hadhaayaan jijjiiramne dhufee booda, harka farroota akka ABN fi Baaldaraasiitti kufuun Oromoof fafa, siyaasaa fi tarsiimoo hordofaa jirruuf ammoo kasaaraadha. Kun akka ta’uuf hayyamamuu hin qabu garuu.

    Duratti Oromoon Finfinnee keessaa homaa hin qabu jechuun ni danda’ama. Erga jijjiiramni dhufees wanti addaa uumame, keessumattuu gama laakkofsa Oromoo Finfinnee keessa jiraatuu wolguddisuutiin, wanti hojjatame hin jiru. Wanti hojjatame yoo jiraatee inj. Taakkalaan ummata magaalattii tajaajiluuf ijibbataa godhaa jiraachuu isaati. Ummanni inni tajaajilaaru eloo fi dafqa isaa sagalee gahaadhaan waan kafaluuf natti hin fakkaatu. Siyaasni biyyattii duruu rakkoo qaba. Baaldaraasii fi ABN haalicha daran hammeessaniiru. Jiraattoonni Finfinnee afaan cuqqalatanii kaadhimamtoota Amaaraa (kan dhuunfaa fi ADP/ABN) filcahuun isaanii waan hin oolle. Raajiin yoo tilmaamni kun dogoggora ta’eedha.

    Uf gowwoomsuun hin barbaachisu. Dhugaa hadhooftuu ufitti himuun dirqama. Haala amma jiru kana keessatti carraan kaadhimamtoonni (sabboontonni) Oromoo (dhuunfaa fi paartilee bakka bu’an) magaalaa Finfinnee keessatti filatamuu baay’ee xiqqaa; hedduu dhiphaadha. Sagaleen muraasni bulchiinsa asii fi achii argamuu malu magaalattii nama hin dhuunfachiisu. Kana jechuun Oromoon bulchiinsa magaalattii keessaa baatii 9 booda alattii dhiibamuuf deema jechuudha.

    Finfinnee keessaa duula filannootiin dhiibamnee baana taanaan miidhaa cimaa, madaa dafee hin fayyine ta’uu mala. Kun Oromoo fi siyaasa isaaf kasaaraa guddaa ta’uun isaa hin oolu. Inni jalqabaa walaalachudha: ebalutu nu nyaachise, ebalutu nu salphiseedha. Kun diigamiinsatti male tokkummaa sabaa cimsutti hin geessu.

    Dhimmi Finfinnee dhimma Dr Abiyyi, ODP, ABO, KFO, ODF, ONP, kkf hundaati. Rakkoonis kan hundaati. Falas akeekuu kan qabu hunduma. Filannoo dhufu irratti Finfinneen harkaa nu baanaan qaxxaamurri paartiin tokko Finfinnee harka Oromootti ittiin deebisu jira hin fakkaatu. Qe’ee teenna irratti yoo alagaan taphatu, dachii teenna qoodatu, afaanii fi eenyummaa keenna irra miilaan ijjatu argaa jiraachuuf deman ta’a. Kana nu hin argisiisin Waaqa! Hin ta’u jechuun ammoo hin ta’u. Carraan kun ta’uu jira. Jibbaan Baaldaraasii fi ABN Oromoo fi eenyummaa isaa irraa qaban waan arraba irraa oso hin taane isa dhuka keessaati.

    Quba walitti akeekuuf qophayauun tarsiimoo sirrii hin ta’u. Qormaata akka sabaatti nu qormaatuuf deemu kana irra aanuudhaaf paartilee fi hayyoonni Oromoo tarsiimoo fi tooftaa akeekuu, lafa kaayuu qabu. Filannoof baatiin 9tu hafe. Ammatti kan argutti jirru yoo hundi waa’ee barcuma paarlaamaa keessatti argatuu fi sagalee paartiin isaa moo’atuu heerregatu malee Finfinneen harka ABN fi Baaldaraasitti akka hin kufneef maal godhuu qabna waan jedhuuf mala isaan kaayan argutti hin jirru. Oromoo argutti hin jirru.

    Waraabessi sabicha nyaatuuf ykn dantaa isaa fudhatuuf yuusaaru kumaa kitila. Rakkoon hooggansa laatuu, qormaata akka sabaatti nu mudatuuf jiruuf dursanii malatuu baay’innaan mul’ataara.

    Finfinneen weerara lafaa qindaaye jalatti kufte

    0

    Weerara kana fashalsuu fi daaraa isaan kaasuu malanitti bishaan firfirsuuf Inj Taakkalaa cinaa dhaabachuu qabna

    Weerarri lafaa bifa qindaayeen magaalaa Finfinnee irratti geggeeffamaa jira. Yeroo baatii tokko hin geenne keessatti kutaa Boolee qofa keessatti lafa ummataa (mootummaa) 2801 samtotaan fudhatame. Kutaa Boolee qofa keessatti yeroo gabaabaa keessatti mana amantaa (bataskaana) 18tu lafa weerarame irratti ijaarame. Kana keessaa aanaa tokko qofa keessatti bataskaana 8 tu ijaarame.

    Saamichi lafaa Finfinnee irratti geggeeffamaa jiru heddu yaachisaa fi qaanfachiisaadha. Inni jaarraa tokkoo oliif geggeeffamaa ture hanqannaan ammas ija teenna afotti walijaaranii magaalattiin barabaraaf Oromoo harkaa akka baatuuf hojjataa jiran. Gaafa Taabonni Koyyee Faccetti bu’e jedhamee fi naannoo Hayaatitti bataskaanni halkan tokkoon ijaarame magaalattii keessatti bifa qindaayeen maaltu akka adeemaa jiru hubachuuf agarsiisa gaarii ture. Rafaa turuu keenna kan argisiisu bifuma walfakkaatuun Taabonni/Cillaatiin bu’e ykn xaballi baye maqaa jedhuun Bolee keessatti qofa bataskaanni 18 ijaaramuu isaati.

    Weerara jajjabesuu fi odeeffannoo iccitiin dabarsuu keessaa hojjattoonnis mootummaa (deep state) harka qabaahcuu isaaniiti, akka ibsa Inj Taakkalaatti.  Lafa kan saamaa jiru hiyyeessaa miti. Biyyaa fi biyyaan alaa, bifa qindaayeen, saamichi geggeeffamaa kan jiru. Kana qindeessuu fi sponsor godhuu keessaa farroonni akka ABN, Iskindirii fi Nafxanyoonni biyyaa fi biyyaan alatti maandheffatan harka keessaa hin qaban jechuun hin danda’amu. Maqaa dhayuu baatanis jaarmayaaleen siyaasaa 2 weerara kana qindeessuu fi jajjabeesuu keessaa harka akka qaban kantiibaan magaalattii ifatti dubbateera.

    Yeroo darbe waraqaan eenyummaa (IDn) Oromoof kenname, Laga Xaafotti manni 200 diigame jedhamee duulli badhaan nurratti baname. Isaan ammoo aanaa Boolee qofatti baatii muraasa keessatti lafa weeraranii manniin jireenyaa kumaatamaa fi bataskaana 18 seeraan ala ijaaranii nu eegan. Weerarri, seerdhabdummaan, shiraa fi tuffiin kana caale jiraa?

    Amantaan kamuu weerara kanaaf dawannoo ta’uu hin qaban. Biyya seeraan bultu kamuu keessatti jaarmayaaleen amantaa kamuu seera hordofaniiti kan deemuu qaban. Saamtotaa fi weerartootaaf dawannoo laatuun yakka.

    Tarkaanfiin Inj Taakkalaan fudhachuuf qophaaye baay’ee gaariidha. Heddus barbaachisaadha. Ummanni walijaaree magaalattii keessaa nubaasuuf halkan guyyaa hojjataara. Tarkaanfitti seenamnaan daaraa kaasuun, wacaan nu dhamaasuun isaanii hin oolu. Weerara kana fashalsuu fi daaraa isaaniitti bishaan firfirsuuf hundi keenna ammumaa qophii eegaluu qabna. Inj Taakkalaa cinaa dhaabachuun dirqama seenaati.

    Dutiinsi sariin Iskindirii fi ABN bobbaasuu magaalatti qarriffaa weerartootaa keessaa baasuu irraa duubatti nu hin deebisu.

    Kitaabni ‘Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa’ jedhu gabaa irra oole

    0
    siyaasa Oromoo.kitaaba haarawa
    Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa.

    Kitaabni mataduree ‘Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa’ jedhu eebbifamee gabaa irra ooleera. Kitaabichi kan eebbifame Ebla 3, 2019 Finfinnee Galma Giddugala Aadaa Oromootti. Amisterdaam Neezerlaandittis eebbifamuuf akka karoorfame beekameera. Barreessaan kitaabichaa Nasruu Hasan kaadhimamaa PhD fi jiraataa Amisterdaam, Neezerlaandiiti.

    Kitaabni kun addadurummatti siyaasaa fi seenaa Oromoo irratti kan xiyyeeffateedha. Kitaabni kun qabiyyeenis ta’ee akkaataa itti barreeffameen, akkasumas ragaa seenaa fi qorannoo badhaa ta’e irratti hundaayuu isaatiin, kitaabota kana dura Afaan Oromootiin barraayaniin adda. Mataduree ka’an hunda ragaan utubuu bira darbee siyaasaa fi seenaa Oromoo isa Afrikaa fi addunyaan walbira qabaa dhiyeessuun isaa kitaaba kana madda hubannoo guddaa taasisa.  Afaanii ittiin barraaye mi’aawaa, akkaataan ittiin barraaye qalbii hawataadha. Kitaabni kun hubannoo siyaasaa fi seenaa Oromoo dhaloota kana barsiisuu qofa osoo hin taane afaanii fi hogbarruu Oromoo sadarkaa itti aanutti ceesisuu irratti waan gumaachu heddu qaba.

    Kitaabni Siyaasa Oromoo jedhu maal maal irratti fuulleffate?

    Kitaabni kuni seenaa Oromootiin eegala. Cuunfaan seenaa Oromoo, dhimmoota siyaasaan walitti hidhata qabanii, jaarraa 16 irraa eegalee dhiyaateera. Waa’een burqaa Oromoo ragaa qorannoo DNAn deeggaramee ibsameera. Keessumattuu waa’een tokkummaa, gootummaa, gamnummaa fi qaroomina Oromoo jaarraa 16ffaa fi 17ffaa barreeffameera. Kitaabni kun seenaa hatamee fi dagatame, gabaabinaan, ummata biraan gayuuf carraaqeera. Akkasumas, gootummaan Oromoo kaleessaa, seenaan inni Abisiiniyaa irratti hojjate, gootummaa fi tokkummaan inni qe’ee fi kabajaa isaa ittiin tikfate kaayameera. Gayeen sirni Gadaa sabicha ijaaruu fi humna Gaanfa Afrikaatti dorgomaa hin qabne taasisuu keessatti taphataa ture ibsameera. Dhimmoonni jaarraa 19ffaa keessa Oromoo kufaatiif saaxilan tuttuqamaniiru. Kun imala Oromoo dheeraa isa har’aan walitti hidhuuf yaadameeti. Hundaa olitti, seenaan Oromoo gadda kaleessaa qofa osoo hin taane gootummaa dheengaddaa fi gamnummaa heelgaddaas ta’uu isaa Dhaloota Qubeen akka hubatamuuf carraaqqiin godhameera.

    Imalli dheeraan qabsoon Oromoo keessa darbite, keessumattuu qoodni barattotaa Oromoo, bal’inaan dhiyaateera. Oromoo saffisaan funduratti imalchiisuu, injifannoo argame harka isaa tursiisuu keessatti barbaachisummaan jaarmayaalee siyaasaa sona qaban qabaachuun murteessaa ta’uun isaa ka’eera. Waa’een qormaata hooggansa sabboonaa, muuxxannoo fi mul’ata qabuu fi saba mataa walitti qabu dhabuun Oromoo irraan gayaa turee gadi fageenyaan kaayameera. Dhimmi hiree ufii ufiin murteeffachuu bal’inaan kitaaba kana keessatti barraayeera. Falamaan lafa daangaa fi magaalota akka Finfinnee, Dirree Dhawaa, Moyaalee, kkf irratti dhiyaatu ragaalee seenaa wabii godhachuudhaan dhiyaateera.
    Dhimmoota mooraa siyaasa Oromoo keessatti qajeelatti hubatamuun irra jira jedhaman, keessumattuu kanniin barootaaf walfalmisiisaa ta’an, ka’aniiru. Gaafilee seenaa fi siyaasaa barootaaf deebii quubsaa malee hafan hedduuf deebii laatuuf, kan dhumaas ta’uu baatu, yaaliin godhameera. Tarsiimoo siyaas-diinagdee yoo hordofaman saba Oromoo ni cimsan, tokkummaa isaa ni jabeessan, saba kana humna Gaanfa Afrikaatti dorgomaa hin qabne taasisan jedhaman kitaabni kun akeekuuf yaaleera. Sabni wirtuu Gaanfa Afrikaa ta’e akkamitti siyaasa injifataa geggeeffachuu, bifa kamiin tarsiimoo tarkaanfataa lafa kaayachuu, haala kamiin qorqalbii moo’ataa horachuu fi tooftaa kamiin tokkummaa isaa cimsachuu qaba waan jedhu irratti yaadni laatameera. Akkasumas, akkaataa hariiroo Oromoo fi saboota jidduu jiru fooyyessuun, Itoophiyaa dimokraatessuun, hegeree Oromiyaa fi Itoophiyaa abdachiisaa taasisuun danda’amu irratti kitaabni kun yaada dhiyeesseera. Dimshaashumatti, shoorri ijaaraan Oromoon siysaas-diinagdee Gaanfa Afrikaa keessatti qabaachuuf deemu kaayameera.

    siyaasa Oromoo.kitaaba haarawa
    Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa.

    Seenaa fi siyaas-diinagdee Itoophiyaa keessatti wanti gaggaariin hojjatame jedhamu baay’ee dhaadheffameera. Xiyyeeffannaan kitaaba kanaa waan duratti barreeffamee fi dhaadheffame irra deebi’uu miti. Seenaa haarawa barreessuu ykn waan hin jirre tarreessuu osoo hin taane seenaa awwaalame daaraa irraa hargufaa ifatti baasuu, akka sabicha jiddugaleessa godhatetti dhiyeessuudha akeekni kitaaba kanaa. Kaayyoon isaa waan dibamee fi irra utaalame dubbistoota biraan gayuudha. Qoqqotiinsi kun ajaa tokko tokko as baasuu mala. Kun gareelee walitti gaarriffachiisuuf osoo hin taane dhugaa dhokatte aduu dhoofsisuuf qofa yaadamee ta’uu isaa hubatamutu irra jira. Dhimmoota heddu kaasuuf tattaaffiin godhamus, kitaabni kun qaawwala jiran hunda cufe ykn qaawwala biraa hin uumne jechuuf wanti nama uggisiisu hin jiru. Qaawwala mul’atan cufuun, bakka hafe itti guutuun, dogoggora uumamuu malan sirreessuun ykn bakka itti dhaabate irraa itti fufsiisuun gayee hayyootaati.

    Kitaaba kana keessatti matadureewwan ka’an heddu ilaaluuf kan yaalame muuxxannoo addunyaa jiddugala godhachuudhaan. Kun kan ta’eef hubannoo dubbistootaa gabbisuu qofaaf osoo hin taane siyaasni Oromoos galumsa (context) siyaasa Gaanfa Afrikaa fi addunyaa keessatti ilaallamuu qaba amantaa jedhu irraa ka’uudhaan. Badhisanii yoo hin ilaalle sammuu badhachuun, fageessanii yoo hin ilaalle fagoo dhaqqabuun rakkisaa ta’a.
    Bu’aa qorannoo seenaa fi siyaasaati kitaabni kun. Kitaabichi irra caalatti hujii hayyootaa irratti kan hundaayeedha. Dhimmoonni seenaas ta’ee siyaas-diinagdee kitaaba kana keessatti ka’an hundi ragaa madda amanamoo irraa ta’aniin akka deeggaramaniif ijibbaanni godhameera. Bakka tokko tokkotti, akka nama siyaasa Oromoo yeroo dheeraadhaaf hordofaa fi keessatti hirmaataa turetti, xiinxallii fi hubannoon barreessaas itti dabalameera.

    Kufaatii fi mugaatii jaarraa olii irraa dandamachuudhaan Oromoon amma ka’eera. Jaalatee jibbee, dirqama Gaanfa Afrikaa funduratti tarkaanfachiisuu addadurummaan seenaan kan fe’e Oromotti. Kanaaf dhaloota hubannoon gabbate, irree beekumsaa cimsate; hidhannoo siyaasaa, seenaa fi saayinsii tolfate uumuun qooda hayyoota Oromoo fi firoottan isaati. Jaarraa 21ffaa keessa saba guddaa akka Oromoo beekumsaa fi hubannoo cimaan maletti, hooggansaa fi jaarmaya sona qabaniin alatti geggeessuun ulfaataa ta’a. Hooggansaa fi jaarmayni mooraa Oromoo keessatti tokkummaa waaraa argamsiisuuf hojjatu, kan qormaata keessaa fi alaan saba mudatu faccisuuf tattaafatu hin jiru taanaan hireen saba kanaa faffaca’uu ta’uu mala. Duboon faffaca’uu kufaatii ta’uu isaa ragaaf Oromoo caalaa kan dhiyaatu hin jiraatu.

    Oromoon saba guddaadha. Sabni guddaa fi boonaan kun waan guddaa fi waan boonsaa hojjachuu qofatu irraa bareeda. Akkuma baay’inaa fi qabeenya isaa Oromoon beekumsaa fi qaroominaan hundarra dheeratee, hubannoonis mara ciicatee argamuu qaba. Dur alagatu isa hidhe. Amma sakaallaan hiikameera. Ifnanni bilisummaas bayeera. Kana booda qaamoota alaatti quba qabuun baay’ee deemsisa hin fakkaatu. Sababa tarreessuun, harkifannaa heddummeessuun hin feesisu. Sabni kun kallattii hedduun baay’ee duubatti hafeera. Ganamaan fe’achuun, hunda dursee tarkaanfachuun, fiigicha siyaas-diinagdeen morkattoota hunda moo’achuuf hojjachuun gayee Oromooti. Ammas, Oromoon saba hundi abdatu, odaan isaa kan cufti jalatti haragalfatu akka ta’uuf hojjachuu qaba. Kanaaf siyaasa isaa itiffachuun, mooraa isaa tasgabbeeffachuun, tarsiimoon masakamuu aadaa godhachuu qaba.

    Sabni kun seenaa hatamaa, tooftaadhaan dirree siyaas-diinagdee irraa darbatamaa tureera. Oromoon amma imala gara dirree bilisummaa, dimokrasii fi badhaadhinaatti isa geessu eegaleea. Danqaaleen daandii irratti isa qormaatan heddu ta’uu malu. Didhaa fi hudhaalee jiran hundaaf uf qopheessuun, siyaasa isaa daandii hubannoo fi tarsiimoo qabsiisuun waan boruuf jedhamuu miti. Kun injifannoo argame tursiisuuf, akkasumas tapha siyaas-diinagdee hundarratti goolii laakkofsiisuuf murteessaadha. Kitaabni kun kana dhugoomsuu irratti waan gumaachu heddu qaba.

    Yaada namoota kitaabicha dubbisanii keessaa:
    “Kitaabni kun dhugaa dubbachuuf kitaata seenaadhaaf ta’u qabu kan addaa ta’eedha. Ani kitaabilee qabu keessa kana akka kitaaba kanatti jaaladhu hin jiru harka caala abbaan carroomee bitate nibadhaadhe. Anaaf kitaaba amantaan addaa base hin ilaalu.”

    Dhaloonni kun hubannoo siyaasaa fi seenaa cimsachuun hegeree Oromoof murteessaadha

    Jaarraa 21ffaa keessa jirra. Jaarraa kana keessatti dirree siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaan moo’achuuf beekumsi, hubannoon, qaroominaa fi odeeffannoon murteessaadha. Oromoon qaama hawaasa addunyaati. Waan jaarraan kun gaafatu harkatti galfachuudha saba kana injifataa, funduratti saffisaan tarkaanfataa kan taasisu. Gama kanaan, yaalii bira bifa darbeen, hujiin gayaan hojjatameera jechuuf wanti nama uggisiisu heddu jira hin fakkaatu. Kaayyoon kitaaba kanaas yaalii dhaloota qaroome, bilchaate, siyaasaa naannoo fi addunyaa hubate uumuuf godhamu keessatti waa gumaachuudha.
    Oromoon saba guddaadha. Oromoon utubaa Gaanfa Afrikaati. Akka arbaatti siyaas-diinagdeedhaan baadhatee naannoo kana ceesisuu seenaan Oromotti dirqama fe’eera. Dirqama seenaa jaarraa tokkoo fi walakkaa booda dhufe jalaa dheessee garri Oromoon bayu jira hin fakkaatu. Falli dirqama kana baadhachuuf irree fi ceekuu isaa cimsachuu, dhaloota qaroomee fi qarame baayi’naan horachuu, dirqama seenaa kanas akka ba’aatti utuu hin taane akka carraatti fudhachuudha.

    Jaarraa oliif dukkana keessa turus, amma hegereen Oromoo yoomiyyuu caalatti ifaadha. Hireen dansaan barootaaf hawwamee fi dhugoomsuudhaaf qabsaayame harka isaa seenteerti. Qabaa hin tolchan taanaan wanti harka seene qubbiin jidduun harkaa nama bayuu mala. Hireen argamte akka hin baaneef qabaa tolfachuun gayee Oromooti. Hiree amma argamte tikfachuuf, siyaas-diinagdeen funduratti tarkaanfachuuf carraaqqiin Oromoon godhu, keessumattuu shoorri dhaloota qubee, kan laayyo ta’uuf hin deemu. Dhaloonni Qubee saba isaa bilisoomsuu, Oromoo hallayyaa gabrummaa keessaa harkisuu, irratti qooda dorgomaa hin qabne taphateera. Hegereen Oromoos kan jiru harkuma dhaloota kanaati. Milkii fi injifannoo caaluuf dhaloota baratee fi hubatee uumuuf hubannoo seenaa fi siyaasaa dhaloota kanaa gabbisuun murteessaadha. Dhimmi dhaloota qarame omishuu waan boruuf jedhamuu miti. Kana dhugoomsuuf carraaqqii godhamu keessatti kitaabni kun waan gumaachu qaba.

    Akkuma gara jalqabaatti ka’e kitaabni kun qabiyyeenis ta’ee akkaataa itti barreeffameen kitaabota kana dura Afaan Oromootiin barreeffamaa turaniin waan adda isa godhu heddu qaba. Kitaabni kun kitaaba mataduree heddu kaase. Seenaa fi siyaasa kallattii biraa irraa nutti mul’isuuf carraaqqii taasiseedha. Hunda caalatti, dhimmoon ijoon kitaabicha keessatti ka’an ragaalee qorannoon kan deeggaramaniidha.

    Dimshaashumatti, siyaasaa fi seenaa gadifageenyaan hubachuu yoo kan qabdan ta’e kitaabni dubbifamuu qabu isa kana. Kitaaba kana harkatti galfadhaa waa irraa baradhaa.

    siyaasa Oromoo.kitaaba haarawa
    Siyaasa Oromoo: Imala Obsa Fixachiisaa fi Hegeree Abdachiisaa.

    Gaafa Woyyaaneen tooftaa keennatti gammadde tooftaa keenna bira rakkoon jira jechuudha

    0

    Hiriirri amma adeemaaru ajjeechaan akka nurraa dhaabatuuf kan yaadame ta’us, hiriirri kun geggeeffamuu isaattii, hunda caalatti, kan gammade TPLF/Woyyaaneedha. Woggaa 2 dura qaamni akka Woyyaanee hiriira Oromiyaa keessatti geggeeffamu balaaleffataa ture hin turre. Balaaleffachuu qofa osoo hin taane daandii irratti humna Agaaziin nu ajjeesaa turan. Har’a, Woyyaaneen hiriirichatti gammaduu qofa osoo hin taane Finffinnee keessattis hiriirri akka geggeeffamuuf waamicha godhaarti.

    Hiriira nuti geggeessinutti maaltu akkas Woyyaanee mirqaanse? Hundi uf gaafachuu qabna. Wanti tokko ifa. Woyyaaneen hiriiratti kan gammaddeef dantaa Oromoof yaaddee akka hin taane beekamaadha. Woyyaaneen kufaatii Oromoo malee milkii isaa, dhumaatii keenna malee naga keenna hin feetu. Qorannoon addaa nu hin feesisu. Gammachuu fi mirqaanni Woyyaanee waa’ee tooftaa qabsoo nuti hordofaarruu waan nutti himu heddu qaba. Kaayyoon nuti hiriiraarruuf dantaa Woyyaanee tiksuuf ta’uu dhabuu baatus, hiriira kana keessaa faayadaan Woyyaaneen haamataa jirtu jira. Maddi gammachuu fi mirqana isiis kanuma.

    Karaa Somaaleetiin kan nu waraane horsiisee bulaa Somaalee miti. Karaa Beenishanguliin kan waraana nutti labse qoteebulaa Gumuz akka hin taane ifa. Kallattii hundaan kan nu dhiigsaa jiru Woyyaaneedha. Wooyyaanneen nu waraantus, har’a mitii, yeroo ganna 27f aangoo irra turtee sanyii Oromoo lafarraa dhabamsiisuu hin dandeenne. Har’as, akka nu hin fixne beekti. Kaayyoon isiis isaa miti. Kaayyoon isii tuttuqqaa daangaan walnuficcisiisu, tokkummaa Oromoo dhabamsiisuu, Oromiyaa hookkara keessaa hin baanetti seensisuu fi Oromiyaa nuti ittiin dhaadannu dachii barabaraaf hiyyummaa fi doofummaa keessatti haftu taasisuudha.

    Gaafa qabsoo/hiriira geggeessinu irratti diinni mirqaane/gammade bakka wayiitti rakkoon ykn dogoggorri jira jechuudha. Dogoggorri jiru dogoggora yeroo eeggachuu dhabuu ykn tooftaa fi tarsiimoo rakkoo qabu baafachuu ta’uu mala. Garuu, diinni waamalee akkas hin mirqaanu. Manni ibidda malee hin aaru. 

    Tarsiimoon akka heerregaati. Miiraa fi mirqaanaan laakkofsa argan itti darbaa deebii sirrii argachuun tasa hin yaadamu. Tarsiimoo miiraan masakamuun qabsoo geggeessaarra. Waldhagayuu fi waliif hoogganamuuf rakkataarra. Yeroo eeggachuun hin jiru. Obsi bakka hundatti hanquudha. Yeroon keessa jirru garuu yeroo yoomiyyu caalatti tarsiimoon, bilchinni siyaasaa fi obsi itti barbaadamu. Waraabessi du’eera kan jettee yaaddu irra deebi’ii haala siyaasa naannichaa xiinxaalli. Waraabessi ni madaaye. Nuti faffacaanaan, funyoon tokkummaan keenna furannaan jeedaltis nu nyaachuu irraa uf duuba hin jettu.

    Kiyyoo diinaa keessa seenaa jiraachuu keenna baruuf hagana fagaannee deemuu nurra turee? Haga diinni ifatti gammadee ililfatu eeguun nurra eegama turee? Waa’een tarsiimoo qabsoo kana boodaa hayyootaa fi hoogganootaaf osoo dhiifamee. Karaa miiraan saqannu osoo hin taane karaa hoogganootaa fi hayyoonni kaayan osoo hordofnee akka sabaatti fayyadamaa taana. Hunda caalatti akka saba hayyoota, hoogganoota, manguddootaa fi abbootii Gadaa hin qabneetti miiraan fiiguu osoo baannee. Saba kanatti diinaa fi gufuu heddutu jira. Rumicha heddutu kufaatii keenna eeggataara. Haala rakkisaa kana keessatti Oromoo kan ceesisu tarsiimoo bilchaataa hordofuu qofa. Akkuma argine fiiguun diigumsatti nu geessa. Afaan diina nu buusa. Gubataa fi gidiraa jaarraa olii irraa hin barannee?

    Rakkoo Lixa Oromiyaaf falli raayyaa ittisa biyyaati

    0

    Raayyaan ittisa biyyaa waraana karaa daangaa Somaaleetiin nurratti labsamee ture hir’isuu irratti shoora guddaa taphateera. Har’a waa’ee Liyyuu Poolisii Somaalee, humna guyyaa guyyyatti dhiiga Oromoo lolaasaa ture, wanti dhageennu heddu hin jiru. Liyyuu Poolisii adabatti kan deebise, afaan qawwee isaanii kan walitti qabachiise Poolisii Oromiyaa osoo hin taane raayya ittisa biyyaati. Balaa karaa Lixa Oromiyaatiin nurratti qiyaafates akka tasgabbeesuuf dirqamni itti laatamuu qaba.

    Oromoo jilbiiffachiisuu, injifannoo argate harkaa baasuuf waraanni kan irratti labsame karaa hundaan. Karaa bahaa fi kibbaan kan nu waraanaa ture horsiisee-bulaa Somaalee akka hin turre ifa. Karaa lixaatiinis kana nu waraanaa jiru qotee-bulaa Gumuz jechuun waan hin fakkaane. Qotee-bulaan Gumuz Poolisii Oromiyaa haganaa, hagamuu hidhannoon isaanii dadhabaa haa ta’uu, nurraa ajjeesuu hin danda’u. Kan nu waraanaa jiru humna hidhate. Humna meeshaa waraanaa ammayyaa (dishqaa, sniper, radio, binocular, kkf) qabuudha. Humni poolisii kana gituu hin danda’u. Falli biraa osoo jiru poolisii gara ibiddaatti oofuun hagam gamnummaadha?

    Waraana ufirraa qolachuuf ummataa fi Poolisiin Oromiyaa ijibbaata godhaa jiru. Diinni nu afoo dhaabate osoo Poolisiin Oromiyaa mataa matatti kilaashii fi rasaasa 500 qabatteeyyuu waan moo’atamu hin fakkaatu. Lakkofsa qofaan osoo hin taanee addaddummaan meeshaa waraanaa badhaan jira. Kana warri Oromiyaas mirkaneessaa jiru. Falli maaliidha?

    Qe’ee fi lubbuu ufii tikfachuun dirqama lammii keenyaa ta’uyyuu, yeroon deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa itti nu barbaachisu gayeera. Raayyaan ittisa biyyaa isa kaleessaa miti. Rayyaan ittisa biyyaa leenjii, meeshaa fi muuxxannoo humna waraana nurratti labsee kana adabatti deebisuu danda’u qaba. Rayyaan biyyaa daangaa kamuu ce’ee diinota adamsuu (flash out godhuu) danda’a. Naamusni rayyaan ittisa biyyaa fooya’aa ta’uun isaa sochii inni karaa Baha Oromiyaa fi Kibbaan godhaa jiru irratti mul’ataa jira. Sodaa fi shakkii kaleessaan gaadi’amnee humna dirqama akkanaaf leenji’etti fayyadamuu dhabuun gamnummaa natti hin fakkaatu. Gatii guddaas nu kaffalchiisuu mala.

    Raayyaa ittisa biyyaa dhiisnee Poolisii Oromiyaa lola akkanaaf hin leenjine bobbaasuun kan nu geessu gara reeffa laakkayachuutti. Ajjeechaan hammaate gara walkomachuu, walbalaaleffachuu fi bulchiinsa Lammaa fi Abiyyiitti quba qabachuuti. Dhumni kanaa waldiiguu fi jijjiirama gatii guddaan dhufaa jiru gufachiisuudha. Hawwiin warra waraana nutti banee kana. Kun akka dhugoomnuuf waan ta’aa jiru hunda usnee ilaaluun nurra hin jiraatu. Osoo sadarkaa too’achuuf nu rakkisu irra hin gayin dirqama rakkoo kanatti fala barbaaduu adda durummaan raayyaa ittisa biyyaatti haa kenninu. Poolisiin Oromiyaa rakkoo magaalaa fi baadiyaa keessatti nu mudatu irratti haa fulleffatu.

    TPLF jijjiiramaaf qophiidhaa miti jetti

    0

    TPLF hawwii ummanni Itoophiyaa jijjiiramaaf qabu simachuuf qophii akka hin taane ifa goote. Kun ifa kan ta’e kora TPLF 13ffaa tibbana Maqaletti geggeeffame irratti.

    TPLF sirna moofaa akka jirutti itti fufsiisuuf hoogganoota moofaa fi namoota rakkoo ganna 27 biyyattii keessatti mudhataa tureef sababa ta’an sagalee guddaan funduratti as fideera. Namoota akka Geetaachoo Asaffaa, Fatlaworqi Gabra’igzaabeer (Monjoriinoo), Asmallaash Woldasillaasee, Alam Gabrawaahid, kkf sagalee guddaadhaan gara Koree Jiddugaleessaa TPLF itti filuun jarreen har’as bakkuma waggaa 3 dura itti dhiifne san ta’aa jiraachuu isaanii argisiisa. Namni akka Geetaachoo Asaffaa gidiraa ummata Itoophiyaa irra gayaa tureef kallatiidhaan itti gaafatamu bifa kanaan funduratti as dhufuun isaa TPLF jijjiirama simachuuf osoo hin taane jijjiirama danquuf mudhii hidhatee yoomuu caalatti hojjachuuf qophaayuu isiiti kan ragaa bayu.

    TPLF jijjiirama danquuf waan heddu yaaluu dandeetti. Kora ADWUI dhuma Fulbaanaa keessa Hawaasatti geggeeffamu irratti Dr Abiyyiin kaasuuf fedhii fi karoora akka qabdu ifa. Kana godhuuf hookkaraa fi shira xaxaa turteerti; ammas itti jirti. Carraan TPLF waan yaaddetti milkaayuu dhiphaa ta’us, nutis uf dagachuu osoo hin taane daran damaqinaan hojjachuu qabna.