More

    Natsaannat Guddataa fiigicha wolakkaa maratoonii Vaaleensiyaa moo’attee

    Atleetonni Itoophiyaa wolmorkii Vaaleensiyaa 1ffaa - 3ffaa ta'aniiti kan galan.

    Natsaanat Guddataa, umriin 24, walakkaa maratoonnii Vaaleensiyaa (km 21) injifachuudhan atleetii Itoophiyaa isii jalqabaa taateerti. Natsaannat Guddataa fiigicha sa’aa 1:07:30 kan xumurte.

    Natsaannat Guddataa fiigicha kana moo’achuu qofa osoo hintaane rikoordii haarawas,  sekondii 31’n fooyessuudhaan, galmeessisuu dandeetteerti.

    Fiigicha wolakkeessa maratoonni Vaaleensiyaa kana atleetonni Itoophiyaa Worqinesh Dabalee fi Gannat Yaalew wolduraa duubaan 2ffaa fi 3ffaa ta’uudhan xumuraniiru.

    Fiigicha wolakkeessa maratoonii Vaaleensiyaa kana irratti namoota hirmaatan kuma heddu keessaa 10,884, rikoordii haarawa, fiigicha xumuruu danda’aniiru.

    Fiigicha worra dhiiraatiin atleetiin Keeniyaa Abrahaam Cherobeen kan, si’a2ffaaf wolitti aansee, injifateera.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.