More

    Humni ittisa Itoophiyaa WBO adamsuuf daangaa cabsee Keeniyaa naannoo Sololoo seene

    Kuni kan ta'e yeroo torbee tokko hincaalle keessatti si'a lammataatiif

    Torbee tokko dura raayyaan humna ittisa Itoophiyaa daangaa Keeniyaa cabsee seenuun isaa niyaadatama. Ammas filannoon biyyattii raawwatee guyyaa muraasa booda si’a lammaffaaf daangaa biyya ollaa cabsuun isaanii gabaafameera. Amma garuu kaayyoon woraanni Itoophiyaa irra deddeebi’aa daangaa Keeniyaa cabsuuf ifa ta’eera: Woraana Bilisummaa Oromoo (WBO) adamsuudha.

    Woraanni kuni naanno Sololootti poolisoota naannoo hidhannoo hiikkachiisuun alatti jiraattotas doorsisaafi sodaachisaa akka ture gabaafameera. Akka gabaasa gamasii bayutti, woranni mootummaa Itoophiyaa jiraattota Sololootiin ‘bakka WOBn jiru nutti argisiisaa,’ jedhaa turan.

    Humni woraana kanaa 30 ol yoo ta’u hidhannoo adda addaa, Kilaashii irraa hanga meeshaa gurguddaatti, kan hidhate ta’uun isaas gabaafameera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.