More

    Dhaabbanni teessoo IP biyyoota Afrikaaf laatu seera mootummoota intarneetii ugguran ittiin adabu baasuudhaaf

    Afrinic, dhaabbanni dachii Afrikaatti teessoo IP (Internet Protocol) laatuu, mootummoota ajandaa siyaasaa geggeeffachuudhaaf jecha ummata irratti intarneetii cufan adabuudhaaf sochii eegaluu isaa beeksise. Akka wixinee seeraa Afrinic dhiyeesse kanatti dhaabbileen mootummaa fi kanniin mootummaa intarneetii ugguruun walitti hidhata qaban hundi, mootummaan isaanii intarneetii ugguruu ittii fufa tanaan, teessoo IP haarawa hin argatan. Kana jechuun dhaabbileen mootummaa tajaajila intarneetii hin argatan jechuudha.  Wixineen seeraa kuni kan ragga’u marii Waxabajji dhufu biyya Botswaanaatti geggeffamuuf deemu irratti.

    Afrinic gara murtee kanatti akka dhufuuf kan isa dirqisiise tankaarfilee intarneetii ugguruu mootummoonni abbaa irree biyyoota addaddaa keessatti fudhataa jiraniidha. Yeroo mootummoonni  garagaraa intarneetii ugguruudhaan ummata ukkaamsanii fi doorsisan argaa bira dabruun kan isaan yaachise ta’uu dubbatu, hayyoonni teeknolojii.

    Sadarkaa addunyaattii Itoophiyaa, Masrii, Kaameruun, Baanglaadish fi Gaaboon biyyoota yeroo addaddaatti intarneetii cufuudhaan ummata isaanii ukkamsa turaniidha. Biyyi akka Itoophiyaatti intarneetii cuftee yeroo dheeraadhaaf turte hedduu miti, garuu.

    Afrinic dhaabbilee guutuu addunyaaf teessoo IP laatan shanan keessa isa tokko. Guutuu dachii Afrikaaf tessoo IP kan laatu Afrinic dha. Wixineen kuni ragga’e taanaan mootummana Itoophiyaa hubamuun isaa waan hin oolle. Kana sodaatanii intarneetii ugguruu irraa ni adabatuu? Waan yeroon adda baasu ta’a.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.