More

    Maxxansaan Afaan agarsiisa kitaabaa magaalota heddu keessatti geggeessuuf

    ‘Afaan Campiagn’ sochiin kitaaba Afaan Oromoo qulqullinnaafi qabiyyee aadaa qaban ijoollee Oromoo biyya keessaafi biyyoota addunyaa biroo keessa jiraatan hunda biraan gayuu irratti xiyyeefate, amma maxxansaa kitaaboota raawwatee boqonnaa itti aanutti seeneera. Kunis sagantaa kitaabolee maxxanfaman kanniin hawaasa Oromoo  biyyoota addunyaa addaddaa keessatt argaman biraan gayuuti.

    Yaada Afaan kan maddisiiste dubree Oromoo Toltuu Tufaati. Yaanni Toltuu kan danbaliin ‘social media’ fundhate, yeroo gabaabaa keessatti Oromtoota Aafrikaa, Awrooppaa, Ameerikaafi Awustiraaliyaa bira quphate. Aabjuu isiitti milkooftee, Toltuun, baatii tookko keessatti magaalota 15 keessaa Doolaara Ameerikaa 122,000 wolitti funaante.

    Yeroo ammaatti Toltuun hujii kitaaba maxxansuu raawwattee, sagantaa magaalota garagaraa daawwachuu karoorfatte. Magaalonni hedduun Toltuun daawwachuuf deemtu isaan milkaayina karoora isiitiif gumaacha guddaa godhan. Akka karoora baheetti, Toltuufi abbaan isii, Osloo, Torontoo, Waashingitan, San Fraansiskoo, Miniyaapoolis, Denveriifi Melborn irra naannawu. Toltuu, ob.Abdulwahaab Tufaafi garee isaaniitiif milkii guddaa hawwina.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.