More

    Barattoonni Yunivarsiitii 16 balaa konkolaataan dhuman

    Lubbuun barattoota Yunivarsiitii 16 balaa konkolaataa guyyaa har’aa naannoo magaalaa Cirootti dhaqqabeen galaafatameera. Konkolaataan humna isaatii olitti barattoota 40 fe’ee imalaa ture garagaluu isaati kan barattoonni heddu maatii isaaniitiin osoo wol hin argin karatti akka hafan kan godhe. Barattoonni madaayan hospitaala Adaamaafi Cirootti wol’aansa argataa jiru jedhama.

    Yeroo baatii tokko hin caalle keessatti nannoon Oromiyaa gara nama 90 balaa konkolaataan dhabde. Itoophiyaan balaa konkolaataan addunyaa hooggannuu erga eegaltee bubbulteerti. Woggaa woggatti namoota kuma heddutu balaa konmolaataan lubbuu dhaba. Qabeenyi barbadaayus salphaa miti. Maddi rakkoo balaa konkolaataa mootummaan seera tiraafiikaa kabajsiisuu dadhabuudha. Biyya seerri tiraafiikaa seeraan keessatti kabajamuu kamuu keessatti woggatti lubbuu nama muraasaati kan galaafatamu.

    Barattoota du’anitti biyyeen haa salphatu. Maatii isaaniif waaqni obsaafi jajjabina haa laatu. Kanniin madaayan waaqni dafee haa fayyisu.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.