More

    Qabsoon Oromoon geggeesse Woyyaaneen Somaaliyaa gadilakkistee akka baatuuf dhirqamsiise

    Woraanni biyyattii Somaaliyatti naga eegsisuu mitii rakkoo Oromoo fi Amaara biraa Woyyaanee qunnamee tasgabbeesuu hin dandeenne

    Woraanni Itoophiyaa yeroo dheeraadhaaf Somaaliyaa keessa quphatee ture biyyattii gadi lakkisaa bayaa jiraachuun beekame. Akka gabaasa AFP’tti sochiin Somaaliyaa gadi lakkisanii bayuu kuni kan eegalame torbee muraasa dura. Ammas akkuam itti fufetti jira.

    Maaltu woraanni Itoophiyaa Somalaiyaa gadi lakkisee akka bayuuf isa dirqe? Gama mootummaa Itoophiyaatiin ibsi laatame hin jiru. Garuu, humni woraanaa Woyyaaneen qabduu fi abdattu sa’aa kanatti Somaaliyaa fi biyyoota Afrikaa biraa keessatti naga eegsisuu mitii rakkoo cimaa biyya keessatti Oromoo fi Amaara biraa isii qunname tasgabbeesuu hin dandeenne. Hunda caalatti mormiin ummataa mootummaa hedduu sochoosaa fi sodaachisaa waan dhufeef kana booda kallattiin xiyyeeffannaa Woyyaanee Somaaliyatti naga eegsisuu osoo hin taane woraana qabdu hundaan uf marsuu fi lubbuu ufii hanga daqiiqaa dhumaatti tiksuu ta’uu mul’isa.

    Magaalota woraanni Itoophiyaa gadi lakkisee baye hundi battalumatti harka  garee Al-shabaabitti kufaa jiraachuun hubatameera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.