More

    Gumiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa woraanni Itoophiyaa Oromoo heddu ajjeesuu, gudeeduu fi gidiruu saaxile

    Hedduu namootaa Agaaziin mataa fi dudda irra rasaasaan rukutaati kan ajjeese

    Gumiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (Ethiopian Human Rights Council) ibsa guyyaa har’aa baaseen woraanni motummaan Itoophiyaa bobbaase Oromoo 100 oli ajjeesuu ifa godhe. Humna woraanaa kanaan dubartoonni Oromoo heddu gudeedamuu, namnoonni heddu daandii irraa guuramaa hidhamuu fi gidiraamuu  saaxile gabaasni kuni.

    Erga baatii Sadaasaa eegalee humni woraanaa Oromiyaa keessatti ummata irratti yakka ciccimaa hojjataa turuu isaati kan ragaaleen  Gumiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa wolitti qabe ifa taasise. Hedduun namoota ajjeefamanii fi madaayanii kan rukutaman mataa fi dudda irra. Kuni kan argisiisu humni Agaazii haa ta’uu jedhee ummata ajjeesaa fi sanyii Oromoo lafarraa balleessaa kan ture ta’uu isaati.

    Namoonni ajjeefaman kanniin umriin 12 hanga 68 jidduu jiraniidha. Ammas ajjeechaan baay’inaan kan raawwate, akka gabaasa kanaatti, yeroo halkanii fi erga hiriirri xumuramee booda. Kan nama gaddisiisu ummannii manatti dheessus gocha gara-jabeenyaa Agaazii jalaa dheessee bayuu dadhabuu isaati. Namoota heddu kan mana isaaniitti itti seenanmee ajjeefame, rukutame, gudeedamee fi shororkaa cimaaf saaxilame, akka gabaasa Gumiin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kanatti.

    Hiriira boodaa fi gara halkaniiti kan humni Agaazii lubbuu Oromoota qulqulluu galaafatee fi lammii heddutti taphate. Erga hiriirri xumuramee boodaa fi yeroo halkanii wanti woraana hanga funyaaniitti hidhate sodaachisuu fi lubbuu isaanii balaa irra buusu tokko hin jiraatu. Akka mootummaan irra deddeebi’aa ololu lubbuun humna tika nagaa bifa kamiinuu balaa irra buutee osoo hin taane, woraanni babba’e dukkanatti dhimma bayuudhaan Oromoo irratti gocha duguuggii sanyii rawwataa turuu isaati kan gabaasa kana irraa hubatamu.

    Gabaasni gumii mirga namoona kanaa kan argisiisuudhaaf carraaqe badiin Oromoo irratti raawwatamaa ture hedduu cimaa ta’uu isaati.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.