More

    Wol’aansa Artist Nuuhoo Goobanaaf gargaarsi ummataa gaafatame

    Artistii Oromoo, Nuuhoo Goobanaa, dhibee sukkaaraan dararamaa jiru wol’aanuuf gargaarsi ummataa gaafatame. Nuuhoo Goobanaa yeroo dheeraadhaaf dhukkubaan dararamaati kan ture. Dhukkubni itti hammaatee, yeroo ammaatti artistiin kuni kan argamu hospitaala ciiseeti. Dhibeen Nuuhoo dararaa jiru kuni hi’rina qaamaas isarraan gayuun hubatameera.

    Nuuhoof gargaarsa barbaachisu wolitti qabuuf biyyaafi biyyaan alattis sochiin garagaraa godhamaa jira. Biyya alaatti, birmannaa Nuuhoof,  koreen nama torba ufkeessaa qabu dhaabbatee socho’ii eegaleera. Koreen biyya alaa maallaqa wol’aansa Nuuhoof oolu wolitti qabuuf kan karoorfate gama intarneetii fi baankii dhaan. Biyya keessaas deeggarsa wolitti qabuuf sagantaan qophii sirbaa artistoota kana dura Sayyoo Dandanaaf birmataniin karoorfamuun isaa beekameera.

    Nuuhoon weellistoota Oromoo hedduu bekamoofi jaalatamoo ta’an keessaa isa tokko. Weellistoota waa’ee aadaa, seenaafi qabsoo Oromoo ummata barsiisuu irratti shoora guddaa taphatan keessaa kanniin tarree jalqabee irra jiran keessatti ramadama. Nuuhoon weellisaa umrii isaa guutuu, xiqqeenna irraa hanga har’aatti, Oromoof sagalee ta’ee hojjataa tureedha. Seenaa Oromoo baranee keessatti, Nuuhoon, kanniin Oromoof jiraatan keessaa isa tokko yoo jedhame itti hinguddatu. Sirboota isaatiin Nuuhoon Oromoo tokkoomsuufi riqicha jaalalaa uumuuf gumaachi Nuuhoo sadarkaa ol’aanaa irra kan kaayamuudha.

    Oromoon hundi bakka jiruu artisti beekamaafi jaalatamaa, Nuuhoo Goobanaaf, birmate taanaan fayyaan isaa akka deebi’u abdii guddatu jira. Nuuhoo wol’aanuun dirqama Oromummaa bayuudha, jedhu koreen gargaarsaa.

    Namoonni Nuuhoo gargaaruu barbaaddan daandii lamaan kanniinitti dhimma bayuu dandeettan.

    1. Crowd funding (GoFundMe-gama intarneetii)

    Birmannaa Nuuhoo Goobanaaf as bira tuqaa

    1. Maallaqa gama baankii dabrsuu

    Bank Name: SunTrust
    Account#: 1000191044220
    Routing#: 061000104
    SWIFTCODE: SNTRUS3A

    Nuuhoon jiruu isaa guutuu nuuf, Oromoof, kenne. Nutis waan dandeennu kennuudhaan carraaqqii fayyaa Nuuhoo deebisuuf godhamu kana bira dhaabbachuu qabna.

    Rabbiin artistii jaalatamaafi kabajamaa Oromoo, Nuuhoo Goobanaa, haa fayyisu jenna, umrii isaas haa dheeressu!

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.