More

    Mootummaa ce’umsaa Burkiinaa Faasoo irratti fonqolchaan geggeeffame

    Humni ittisa Burkiinaa Faasaa mootummaa cee’umsaa biyyattii irratti fonqolchaa geggeessuu isaa ifa taasise. Humni woraanaa tankaarfii kana mootummaa cee’umsaa Kanfaadoo irratti kan fudhate filannoo biyyoolessaaf yeroo torbaan lama hafetti.

    Sababni fonqolchaa geggeessutti isaan geesse mootummaan ce’umsaa deeggartoonni Kompaawuree  filannoo dhufu irratti akka hinhirmaanne dhoorganuu isaanii ta’uu isaa gareen fonqolchaa geggeessan dubbataniiru.

    Ummanni Burkiinaa Faasoon fincila geggeesseen mootummaa abbaa irree  Bilees Kompaawuree yeroo dheeraadhaaf biyyattii bulchaa ture ari’ee mootummaa ce’umsaatiin bakka buusuun niyaadatama. Angawoonni mootummaa ce’umsaa, prezidaantiifi muummicha ministeraas dabalatee, yeroo kanatti too’annaa jala jiraachuu isaaniiti kan gabaasni gama sanii bayu argisiisu. Qaamni angoo afaan qawweetiin fudhate kuni paarlaamaa biyyattiis bittinsuun isaa beekameera.

    Humnonni fonqolchaa adda durummaadhaan geggeessan kunniin harcaatuu mootummaa abbaa irree duraanii, Bilees Kompaawuree, ta’uu isaaniiti kan himamu.
    Fonqolchaa Burkiinaa Faasotti ta’e kana mormiin  kallattii hedduun isa qunnaati jira.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.