BBC’n tamsaasa Itoophiyaafi Eertiraa irratti fuulleffate akka eegaluuf deemu Fulbaana 7, 2015 labsee jira. Sababni BBC’n barbaachisummaa tamsaasa kanaaf dhiheesse ukkaamamiinsa miidiyaalee wolabaan wolqabatee hir’inni ykn hanqinni dimokraasii biyyoota lamaanuu keessatti bal’inaan mul’ataa jiraachuu isaati. Egaa kallattiin xiyyeeffannaa BBC qaawwala uumame kana cufuufi rakkoo argame kanaaf furmaata barbaaduudha. Ummataa beela odeeffannoo qabu kana odeeffannoo haqaafi madaalawaa ta’e sooruudha, kaayyoon BBC.
BBC’n tamsaasa eegaluuf karoorfachuun alatti afaan tamsaasni isaa ittiin darbu afaan kam kam akka ta’uuf deemu ammatti wanti ibse hinjiru. Kan fuulleffate Itoophiyaafi Eertiraa irratti waan ta’eef Amaariffaafi Tigriffi nihafa jedhee kan yaadu hinjiru. Jidduu kanatti kan dagatamuuf jiru, akkuma ummata isa dubbatuu, Afaan Oromooti.
Rakkoon BBC’n nifura jedhee yaadu kanniin irra jireessatti kan dhadhamaa jiru Oromoodha. Oromoon kan dubbatuufi kan qajeelatti hubatu afaan isaati. Kanaaf BBC’n rakkoo furuu ykn qaawwala cufuuf deemu san qajeelatti cufuu fedha yoo ta’e, bifa kamiinuu Afaan Oromoo dagatuun irra hinjiraatu. Afaan Oromoo afaan BBC’n ittiin tamsaasu ta’uun kan fayyadu Oromoofi kanniin Afaan Oromoo dubbatan qofaa miti. Kaayyoon BBC’s akka salphatti galma gayuu ykn milkaayuu kan danda’au tamsaasnin yaadame kuni Afaan ummanni miliyoona 40 olitti tilmaamamu dubbatutti yoo dhimma baye. Afaan Oromoo dhiisanii afaan lamaan qofaan tamsaasuu jechuun garaacha gara alaa miicanii isa gara keessaa dhiisuun wolfakkaata. Miicuun yoo hinoolle luf godhaniiti.
BBC’n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati. Sodaa ykn shakkii BBC’n Afaan Oromoo nidagata jedhu ta’uu hinoolle kan Dr. Birhaanamasqal faa gara murtii dursanii waamicha dhiheessuutti isaan geesse. Hirmaannaan hunda keenyaa Afaan Oromoo gara BBC’tti fiduu akka danda’u hin shakkinaa. Tamsaasa Afan Oromoo BBC irraa darbu kan dhagayuu hawwu hundi waamicha godhameef kana awwaachuutu isarraa eeggama. Waamicha BBC’f godhame irratti hirmaachuu kan feetan as bira cuqaasaa.
BBC’n afaan Hawusaa, Kiswaahilii, Somaalee, Kirundiifi Kinyaruwaandaan tamsaasa isaa ummata Afrikaa kallattii adda addaatti argamu biraan akka gayu nibeekama. Afaan Hawusaafi Kiswaahiliin alatti hundi dubbattoota Afaan Oromoo qabuu gadi hedduu xiqqaa ta’e qaban.

Afaan Oromoo i love u my mother tange I Will be interested As BBC Open In
Afaan Oromoo
relly we are with you.
i am happy to hear BBC news in afan oromo.information is poweR.
NOTHING IS ImPOSSIBLE!!!!
Oromo United
Comment:I it was my interesty so u agree on the pitition
yes
afaan saba ballaa waan ta’eef itti fufamuu qaba.
Yaadni kun kan baay’ee namagammachiisuufibarbaachisaa
Ta’us kanagalmaan gahuuf garuu OROOMOTA hundarraa kan barbaachisu
TOKKUMMAA fi
AARSAA dha
Yaadni kun baay’ee gaariifi hedduu namagammachiisu ta’eetu,garuu kana galmaan gahuuf wanti oroomoo hundarraa eegamu” TOKKUMMAA”dha!!!
Oromo
Afan oromo is the majority people of ethiopia they are speaking language we are say tank you for participate us bbc
Accepted
I Will be interested As BBC Open In Afaan Oromoo
it is my wish to see this
Afaan Oromoo BBC dhaan ergaa yadabarsu akkasuma Afaan waiigaltee Federaalaafi hojiillee hata’u!!!
am really please whith
[…] https://www.walabumedia.com/2015/09/10/bbcn-afaan-oromootiinis-akka-tamsaasu-waamichi-dhihaate/ […]
[…] https://www.walabumedia.com/2015/09/10/bbcn-afaan-oromootiinis-akka-tamsaasu-waamichi-dhihaate/ […]