More

    Jaavii Hernaandeez Baarseloonaa gadilakkisuun isaa mirkanaaye

    Jaavii hernaandeez woggoota 17f argaa Baarseloonaaf fuula, dirree taphaa irratti ammaoo motora ta’ee tajaajilaa ture

    Kan Baarseloonaa beeku hundi Jaaviiyeer ‘Jaavii’ Hernaandeez hinbeeku jechuun nama dhiba. Jaaviin woggoota 17 argaa Baarseloonaaf fuula, dirree taphaa irratti ammaoo motora ta’ee tajaajilaa ture. Egaa tajaajila woggaa dheeraa booda Jaaviin yeroo jalqabaatiif woyaa kilabii biraa uffatee dirree kubbaa miilaa seenuuf deema.

    Akka ibsa gama Baarseloonaatii bayetti imalli Jaaviin gara kilabii Kataaritti godhu waan dhumateedha. Kilabiin Jaavii haarofni  Al Saaditti jedhama. Dirree seenee Al saadaatiif taphachuu kan isa dhoorgu yeroo qofa. Hanga woqtii taphaa isa itti aanuttii eeguuf dirqma, Jaaviin.

    Jaavii Hernaandeez si’a 760 Baarseloonaaf taphate. Yeroo Baarseloonaaf taphataa turetti, Jaaviin, injifannoo gurguddaa kilabichaaf argamsiiseera: geeba La Liigaa 8, Waancaa Nugusichaa 2 fi Shaampiyoonaa Awurooppaa 3.

    Jaaviin, ‘Murtee salphaa hinturre. garuu deemuudhaaf yeroon amma,’ jechuun yaada isaa laate. Mataan isaa deemi-deemi jedhus onneen isaa ammas Baarseloonaa jiraachuu isaas hindhoksine, Jaaviin. Ammaaf taphoota woqtii kanaaf hafan 3n irratti kan hirmaatu ta’a.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.