Daandii xayyaaraa dhimma geejjibaan wolqabatee shorri inni taphatu kan bakki guddaan laatamuufiidha. Keesumaattuu dafanii namas ta’ee meeshaa bakka tokkoo gara bakka biraa geessuuf kan akka xayyaaraa dafee nama furu hinjiru. Daandii xayyaaraa hundi, ta’us garuu, tajaajila maamiloota isaaniif bifa wolfakkaatuun laataa jiru jechuun hindanda’amu.Daandii xayyaaraa dafee biyya tokkoo biyya biroo nama geessu akkuma jiru inni buufata xayyaaraatti sa’aa dheeraaf ykn guyyaa murtaayeef imaltoota hidhamtoota godhus jiru; waa’ee balaa xayyaraa osoo hindaganne jechuudha.
Dhimmuma tajaajila gaarii laatuu irratti dhaabbanni Wander Bat qorannoo geggeessee ture. Qorannoon kunis kan ifatti mirkaneesse daandilee xayyaraa jidduu addaaddummaan, tajaajila isaan laataniifi dhimmoota biraatiinis wolqabatee, akka jiruudha kan mirkaneesse. Qorannnoon kuni daandii xayyaarota heddu wolbira qabee ilaaluun sadarkaa baaseefii jira. Sadarkaa kana basuuf qabxiileen ijoon Wander Bat xiyyeeffannaa guddaa laateef sadi: sa’aan balali’uu danda’uu, gatii imaltoonni meeshaa isaniif kafalaniifi umrii xayyaarota tajaajila laataa jiraniiti. Qabxiin sadiinuu amanamiinsa daandii xayyara tokkoof baay’ee murtessoodha, akka Wander Batitti.
Bu’aan qorannoo kanaa kan hedduu nama raajuudha. Sababni isaas daandiin xayyaara biyyoota bebbeekamoo hedduu madaallii Wander Bat kanaan sadarkaa ol’aanaa irra jiraachuu dhabuu isaaniiti. Daandii xayyaara amanamoo jedhee dhaabbanni Wander Bat 10 tarresse keessa daandiin xayyaaraa 7 kanniin ardii Aasiyaa irraa ta’aniidha. Daandiin Xayyaara Itoophiyaa sadarkaa 6ffaa irra kan jiru; kunis nama heddu ajaa’ibsiisuu hinoolle. Ardii Afrikaatii daandiin xayyaaraa sadarkaa keessa seene inni biroo Egypt Air dha. Innis sadarkaa 14ffaa irra kan jiru. Hundarra kan nama ajaa’ibsiise daandiin xayyaarota Ameerikaafi Awurooppaa tarree kana keessaa guutummatti jechuun bifa danda’amuun, British Airways n alatti, dhabamuu isaaniiti.
Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa kan kufe harka daandii xayyaarota biyoota Arabaati. Umriin Xayyaarota isaaniis injifannoo argatan kanaaf tarii gummaacha guddaa qabaachuu hinoolle. Kunis hedduun isaani gara tajaajilaatti kan seenan as dhihoo kana waan ta’eef. Akka fakkenyaatto Qatar Airways, inni tokkoffaa ta’e kuni, tajaajila kennuu kan eegale bara 1993. Kana jechuun hedduun xayyaarra isaanii naannoo umrii woggaa 20 qabu jechuudha.
Tarreen sadarkaa akka wolduraa duubaatiin kana fakkaata:
- Qatar
Laakkofsa xayyaaraa:130
Qabxii: 100
Gahumsa (destination): 144+
- Emirates
Laakkofsa xayyaaraa:232
Qabxii: 97
Gahumsa (destination): 142+
- Eastern China
Laakkofsa xayyaaraa:363
Qabxii: 97
Gahumsa (destination): 300+
- Singapore Airlines
Laakkofsa xayyaaraa:107
Qabxii: 96
Gahumsa (destination): 62+
- China Southern Airlines
Laakkofsa xayyaaraa:480
Qabxii: 93
Gahumsa (destination): 207+
6. Ethiopian Airlines
Laakkofsa xayyaaraa:76
Qabxii: 92
Gahumsa (destination): 101+
7. Air China
Laakkofsa xayyaaraa:320
Qabxii: 92
Gahumsa (destination): 185+
8. British Airways
Laakkofsa xayyaaraa:265
Qabxii: 91
Gahumsa (destination): 183+
9. Saudia
Laakkofsa xayyaaraa:90
Qabxii: 90
Gahumsa (destination): 126+
10. Cathay Pacific (Hong Kong)
Laakkofsa xayyaaraa:144
Qabxii: 90
Gahumsa (destination): 112+
11. LAN (Chile)
Laakkofsa xayyaaraa:116
Qabxii: 88
Gahumsa (destination): 66+
12. Tam Airlines (Brazil)
Laakkofsa xayyaaraa:162
Qabxii: 88
Gahumsa (destination): 62+
13. Japan Airlines
Laakkofsa xayyaaraa:157
Qabxii: 87
Gahumsa (destination): 92+
14. Egypt Air
Laakkofsa xayyaaraa:62
Qabxii: 87
Gahumsa (destination): 78+
15. Etihad Airways (UAE)
Laakkofsa xayyaaraa:105
Qabxii: 86
Gahumsa (destination): 120+



