More

    Dooniin baqattoota Itoophiyaafi Somaalee 49 baadhattee gara Yamanitti qajeelte dhidhimte

    Achi buuteen namoota 35 hanga ammaatti hinbeekamne

    Dooniin baqattoota  Gaafa Aafrikaa irraa ta’an baadhattee gara Yaman imalaa ture balaan galaana Diimatti dhidhimuu isii mudate. Sababni isaas qilleensaafi danbalii hamaa ta’uu isaati kan gabaafame.

    Angawoonni Yaman lubbuu namoota 13 baraaruu danda’aniiru: lammiiwwan Itoophiyaa 8 fi kanniin Somaalee 5. Worraa du’a jalaa miliqan keessa dubartonnis jiru. Reeffi namaa kan galaana Diimaa irraa fuudhames jira. Yoo xiqqaate achi buuteen namoota 35  hinbeekamne. Hojii luubbuu baraaruutiin wolqabatee mootummaan Yaman maalitti akka jiru wonti ibsa isaa keessatti addeesse hinjiru. Bakka humni nama baraaru dafee nama hindhaqqabnetti carraan galaana Diimatti badanii lubbuun hafuu baay’ee xiqqaadha.

    Baqaattoonni Gaafa Aafrikaa, irra jireessi isaanii Itoophiyaafi Somaalee irraa ta’an, rakkoo biyya isaaniitti isaan qunnamu jalaa baqachuuf jecha yeroo heddu lubbuu isaanii daandii du’aa irratti bobbaasan. Imalli qarqara Somaalee irraa dooniin gara Yamanitti godhamu hedduu hamaa ta’uu irraa kan ka’e lubbuun namoota hedduu akka silaa jalqaba hawwamee Yaman osoo hintaane galaana Diimaadha kan seenaa jirtu. Lubbuu namoota osoo eenyuu hinbeekin dhuman dhiisaa baruma kana keessatti baatii Caamsaatiifi Sadaasa keessa baqattota 130 kan galaanatti dhume. Irra jireessi isaanii lammiiwwaan Itoophiyaa (Oromoo) dha jedhama.

    Jireenyi hamtuun tankaarfii hamaa nama fudhachiisti. Maatii namoonni kunniin irraa dhumaniif obsa hawwina.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.