Zimbaabween baqattoota Itoophiyaa 34 seeraan ala daangaa biyyattii cabsanii seenaniiru jette humnaan gara Itoophiyaatti deebiste. Akka ibsa Zimbaabiweetti lammiileen Itoophiya kunniin bakka Marondera jedhamuutti kan qabamanii hidhaadhaaf saaxilaman.
Lammiiwwan Itoophiyaa waraqaadhaan ala Zimbaabwee seenuu isaaniitiif yakkaman keessa ijoolleen umrii 12 ni argamu.
Lammiiwwan Itoophiyaa Zimbaabwee keessatti qabaman kuni lubbuu baafachuudhaaf jecha kan baqatan ta’uu ibsaniiru. Hawiin lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa seenuu ta’us mootummaan Zimbaabwee qabee gara Itoophiyaatti darbeera.
Lammiilee Itoophiyaa gara Afrikaa Kibbatti baqatan yeroo heddu Keeniyaa, Tanzaaniyaa, Zaambiyaa, Maalaawii, Mozambikii fi Zimbaabwee keessatti rakkoon ciccimaa akka hidhamuu, dhibamuu, saamamuu, bineensaan nyaatamuu fi gara Itoophiyatti humnaan darbatamuutu isaan mudata.
Namoonni kunniin humnaan gara Itoophiyaatti darbamuun isaanii balaaf isaan saaxiluu ni mala sodaan jedhu jira.