More

    Muummichi Ministeraa, Dr Abiyyi Ahmad, rakkoo gama dimokraasii, haqaa fi wolqixxummaan mudhatu furuuf ciminaan ni hojjadha jedha

    Dr Abiyyi Ahmad, Muummicha Ministera Itoophiyaa ta’uudhaan guyaa adhaa irbuu seene. Haasawa godhee keessatti jijjiirama ummanni biyyattii arguuf yeroo dheeraadhaaf dheebotaa ture argamsiisuudhaaf halkan-guyyaa kan hojjatu ta’uu isaa jala sarareera.

    Haasofni Dr Abiyyi dhimmoota ijoo biyyattii qormaataa jiran huda kan tuqe ture. Dr. Abiyyi haasawa isaa guyyaa har’aa guutuu ummata Itoophiyaa fi hawaasa addunyaatiif godheen jijjiiramni dhugaa Itoophiyaa keessatti dhufuun filannoo osoo hin taane dirqama yeroo gafatu ta’u isaa irra deddeebi’ee dubbateera. Keessatuu rakkoo gama dimokraasii, kabaja mirga namaa, haqaa, wolqixxummaa fi hiyyummaa furuuf akka hojjatu waadaa seeneera. Kana dhugoomsuu keessatti ummanni biyyaa fi biyyaan ala jiru, akkasumas paartileen siyaasaa hundaafis wamciha godheera.

    Hundi baga gammaddan. Dr Abiyyiif milkaayinaa hawwina.

    Dr Abiyyi Ahmad yeroo aangoo Ob. Haylamaaraam irraa fudhatan
    Dr Abiyyi yeroo waajjira ministera muummeetti simataman
    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.