Taphattoota 3 turan kan dorgommii Ballon d’Or bara 2014f cuunfamanii dhihaatan: Ronaaldoo, Messiifi Manu’eel Nu’eer turan. Yeroo dheeraadhaaf isa kana, santu injifata jedhamaati mormiifi woldorgommiin yaadaa godhamaa kan ture. Har’a deebiin hunda tasgabbeessu, moromiifi malaan odeessuu keessaa nama baasu argame. Kiristiyaanoo Ronaaldoon FIFA Ballon d’Or bara 2014 injifate. Ronaaldoon injifannoo kana kan gonfate sagalee leenjistootaafi gaazexeesiitootaa 37.66% argachuudhaan. Ronaaldoon Ballon d’Or, injifannoo taphataa kana taphataa caalaa addunyaa isa godhu, yeroo sadaffaaf kan injifate.
Morkattoonni isaa Messiifi Nu’eer 2ffaa (sagalee 15.76%) fi 3ffaa (sagalee 15.72%) ta’anii xumuruuf dirqamaniiru. Messiin yeroo torbaffaaf kan dorgommii kanaaf dhihaate. Si’a 4 injifachuun isaa niyadatama. Maanu’eel Nu’eer Ballon d’Or bara kanaa injifate osoo ta’ee seenaa keessatti goolii eegaa 2ffaa ta’a ture.
Messii qofa kan Ballon d’Or yeroo 4 injifate. Ronaaldoo, Krayuf, Platiiniifi fan Baastan kanniin si’a 3 injifataniidha. Taphattoonni Ballon d’Or woliiti aansanii injifatan seenaa keessatti 7 qofa. Ronaaldoonis garee sanitti makamuuf danda’eera.
Leenjisaa caalaa bara 2014 ta’ee kan filatame leenjisaa garee biyyoolessaa Jarmanii Yo’aakim Loow dha. Jaams Rodriigeez, taphataan Riyaal Maadriid, goolii dansaa tapha geeba addunyaa irratti galcheen injifataa FIFA Puskas ta’eera.
Taphattoota FIFA 11 bara 2014 jedhamanii kan filataman:
Manu’eel Nu’eer (Baayer Muniik), Filip Laam (Baayer Muniik), Daavid Luwiis (Paariis St. Jermaan), Tiyaagoo Silvaa (Paariis St. Jermaan), Sarjiyoo Raamos (Riyaal Madriid), Andres Eniyestaa (Baarseloonaa), Tonii Kiroos (Riyaal Madriid), Ange di Maariyaa (Manchaster Yunaayitid), Kiristiyaanoo Ronaaldoo (Riyaal Madriid), Li’ooneel Messii (Baarseloonaa) fi Aryaan Roobenii (Baayer Muniik) dha.
Naadiin Kesler taphattuu dubartii addunyaa bara 2014 taatee filatamteerti.