Mootummaan Woyyaanee hallayyaa itti bade keessaa na baasuu mala kan jedhe jijjiirraa kaabinee taasise. Jijjiirraan kaabinee kuni jijjiirraa maqaa fi gulantaa malee geeddaramiinsa bu’uuraa tokko uf keessaa akka hin qabne hubatameera.
Namoonni Haylamaaram Dassaalenyiin muudamani hundi miseensota addawaawii fi deeggartoota isaaniiti. Hundi jechuun ni danda’amaa, namootuma sirna kana yeroo dheeraadhaaf sadarkaa addaddaatti tajaajilaa turaniidha. Kana jechuun namootuma rakkoo biyyattiin keessa jirtuuf sababa ta’anii fi harka keessaa qabaniidha.
Kaabineen EPRDF labse irraa kan hubatame sirni kuni ammas tooftaan sobaa fi yeroo bitannaa, ammas nu baasa jedhanii kan yaadan ta’uu isaaniiti. Tarree kaabinee kana kan arge kan dubbatutti jiru EPRDF tooftaa gowwoomsaa akkuma qabatetti, inumaa cimsee, itti fufuun alatti wanti jijjiiramee tokko akka hin jirre hubachiisu.
Akka ibsa Haylamaaramitti namoonni sagal iddoo dur turan irratti lakkifamani. Isaani hafan ammoo kanniin achuma keessatti wolkeessa makamanii fi barcuma wolgegeeddaraniidha.
Ummanni kan gaafatuu fi kan abdatu jijjiirraa akkanaa miti. Hawwiin ummataa jijjiiramni bu’uuraa godhamee biyyi boqonnaa haarawa seenuu isiiti. Namni jijjiiramni gara EPRDF’n ni dhufa jedhee eeges heddu hin turre. EPRDF ammatti kana godhuuf qophii akka hin taane hundaaf ifatti mirkaneesseera. Jijjiiramni hawwamugaree faallaa jijiirramaa dhaabateen osoo hin taane isa gaafii jijjiiramaa qabatee fi haqa isaaf falmateen kan deeb’ii argatu. Kanaaf itti fufiinsi qabsoo dirqama ta’uu hundi haa hubatuu.
Namoota iddoo turanitti dhiifaman;
- Obbo Dammaqaa Makoonnin
- Obbo Siiraach Fageessaa
- Obbo Kaasaa T/biraan
- Getaachoo Ambaayee
- Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel
- Ahimad Abbitaw
- Dooktar Yinnaagar Dassee
- Asmallaash W/sillaasee
- Abdulfattaah Abdullaahii
Namootaa fi iddoo kaabinee wolkeessa dhayamee jijjiirraan godhamuu agarsiisuudhaaf yaalame;
- Ministira Dhimma Alaa – Dooktar Warqinaa Gabayyoo
- Ministira Ministeera Pabliik Sarviisii fi Misooma Humna Namaa – Obbo Taaggasaa Caafoo
- Maallaqaa fi Walta’umsa Diinagdee- Dooktar Abrahaam Takastaa
- Ministira Ministeera Daldalaa -Dooktar Baqqalaa Gulaadoo
- Ministira Ministeera Qabeenya Misooma Beelladaa fi Qurxummii – Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaa
- Ministira Waajjira Dhimmoota Koomuniikeeshinii Mootummaa – Dooktar Nagarii Leencoo
- Ministira Ministeera Qonnaa fi Qabeenya Umamaa – Dooktar Iyyaasuu Abrahaa
- Ministira Dhaabbilee Misooma Mootummaa -Dooktar Girmaa Amantee
- Ministira Ministeera Saayinsii fi Teeknooloojii – Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa
- Ministira Ministeera Geejibaa -Ahimad Shiidee
- Ministira Ministeera Eegumsa Fayyaa -Proofeesar Yifruu Birhaanee
- Ministira Ministeera Misooma Magaalaa fi Manneenii -D/R Ambaachaw Makoonnin
- Ministira Ministeera Koonistiraakshinii –Injiinar Ayishaa Mahaammad
- Itti gaafatamaa Ministiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukaa – Obbo Kabbadaa Caannee
- Ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Elektiriikaa – Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa
- Ministira Ministeera Albuuda, Boba’aa fi Gaazii Uumamaa- Obbo Mootummaa Maqaasaa
- Ministira Ministeera Naannoo, Misooma Bosonaa fi Jijjiirrama Qabeenya Qilleensaa – Dooktar Gammadoo Daalee
- Ministira Ministeera Barnootaa – Dooktar Shifarraaw T/maariyaam
- Ministira Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii – Dooktar Hiiruut W/maariyaam
- Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii – Aadde Dammituu Hambisaa
- Ministira Ministeera Dargaggoo fi Ispoortii – Obbo Ristuu Yirdaaw
Barreessaa karaa harun2has@gmail.com qunnamuu dandeettan.
