More

    Irreessi Hara Arsadiifi biyyoota addunyaa garagaraa keessatti bifa oo’aan kabajame

    Irreessi bara 2015 Bishooftuu (Hara Arsadii) fi biyyoota addunyaa garagaraa keessatti bifa hedduu oo’aa ta’een kabajame. Bara kana Irreessi Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti, Hara Arsadii, bakka namoonni miliyoonatti laakkawaman (Oromoo fi kanniin Oromoo hintaanees) irratti argamanitti irreeffatameera.

    Irreessi biyyoota aadunyaa addaddaa bakka Oromoon itti heddummaatan hundatti kabajamaa Jira. Bifuma wolfakkaatuun, torbaan kana Awustiraaliyaa (Meelboorn), Nezerlaand (Amistardaam) fi Ameerikaa (Ohaayoo fi Chikaagottis) bifa oo’aadhaan kabajamuun beekameera.

    Akkasumsa torbee darbe Irreessi Biriitaaniyaa, Siwiizerlaand, Noorweey fi biyyoota heddu keessatti kabajamee ture.

    Torbee dhufu keessa ammooo Irreessi Siwiidiniifi Ameerkiaa magaalaa Laas Veegaas keessatti akka kabajamu sagantaalee bayan irraa hubachuun beekameera.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.