More

    Daa’imti umrii 11 gudeeddiin ulfoofte ilmoo dhalte

    Kan gudeede abbaa buddeenaa ta'uun barameera

    Daa’imti umrii 11 humnaan gudeedamtee ulfaaf itti hinqophoofneef saaxilamte takka ilmoo dayuu gabaafame. Kuni kan uumame biyya Paaraaguwaayitti.  Akka gabaasa biyya sanii bayeetti daa’imti tuni kan gudeedamte abbaa buddeenaa isiitiin. Fayyaan daa’ima daa’imti tuni deettees haala gaarii irra jira jedhameera.

    Yaaliin ulfa garaa daa’ima tanaa baasuuf godhame osoo hinmilkoofne hafeeti kan daa’imti tuni ulfa baatii sagaliif baadhattee dhuma irratti dayuuf kan dirqamteef. Abbaan buddeenaa isii ulfeesse, umriin 42, too’annaa poolisii jalatti kan argamu.

    Biyya Paaraaguwaayitti woggaa dabre qofa daa’imman umriin isaanii 10 hanga 14 jidduu jiru 684 dhalanii haadha ilmaafi intalaa ta’uun isaanii himameera. Hedduun shamarran daa’imummatti ulfaayanii kanniin gudeeddiifi miidhaan gosa adda addaa irratti raawwate ta’uunis beekameera.

    Biyya Paaraaguwaayitti ulfa gara baasuun seeraan kan dhoorgameedha. Ulfa baasuun kan hayyamamu yoo lubbuun dubartii ulfoofte takkaa balaa irra bu’uun qajeelatti mirkanaaye qofa.

    Biyyoota guddataa jiran keessatti woggatti shamarran umrii 14 gadi miliyoona 2 ta’an kan dayan ta’uus gabaasni bara 2013 Mootummoota Gamtoomanii ni agarsiisa. Hedduun isaanii, sababa ijoollummatti ulfaayuufi dhaluun wolqabatee, rakkoo fayyaa garagaraatiif kan saaxilaman ta’uu isaati kan gabaasni kuni mirkaneesse.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.