More

    Allaattiin basaastuu Taalibaan jedhamte Afgaanistaan keessatti rukutamte

    Yoo allaattii takkaa naannoo keessanitti argitanii hinbeekeenen wolitti dhuftan shakkaa- eessa, maalii fi maaliin akka deemtu hinbeekamu waan ta’eef.  Oduu gama Afgaanistaanii nudhaqqabeen, silaa dubbiin gamasii hindhumatuu, poolisiin Afgaanistaan gosa allaattii naannoo saniif haarawa taate takka argee, shake. Itti siiqanii yoo ilaalan wan waa baadhate, harkatti qabatte fakkaatti. Hindogogorre, poolisiin Afgaanistaani. Itti dhukaasan. Nidhoote. Ba’aa itti kennames gadi lakkiste.

    Duutus allaattiin tuni seenaa qofa osoo hintaane sibiila shakkamaa woyiis duubatti gattee dabrite. Akka jeneeraalli Afgaanistaan naannoo Faryaab shakkutti allaattiin tuni Taalibaaniin ergamuu hinoolle, akka humna mootummaa irratti rukuttaa raawwattuuf. ‘Waan akkanaa takkaa hinargine,’ jedhu qorattoonni waan kaameraa fi GPS fakkaatu allaattii duute irratti argan. Allaattiin tuni boombii tandhostu qofa osoo hintaane basaastuus ta’uu hinoolle jedhameeti kan shakkame.

    Yeroo addaddaatti horitti, keessattuu saree fi harree, boombii fe’anii gara dachii diinaatti qajeelchuun baratamaa dhufeera. Kan itti aanu maal ta’inna laata?

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.