More

    Addunyaa ispoortiitti qabeenyaan Riyaal Maadriid 1ffaa; Baarseloonaafi Manchastar 4ffaa fi 5ffaa dha

    Akka gabaasni barruu Forbes ifa godhetti qabeenyaan gareen ispoortii gosa kamiiyyuu addunyaa tana irratti Riyaal Maadriid hindursu. Riyaal Maadriid ol’aantumma qabeenyaa garee ispoortii hundarratti (kubbaa miilaa hanga kubbaa saaphanaatti) kan mirkaneeffate. Gareen kuni qabeenya biliyoona $3.26 horachuudhaan kan irree tujjaarumaa isaa hundatti mul’ise.

    Tarree qabeenyaan kan Riyaal Maadriiditti aananii hiriiran garee Dalaas Mavriks ($ 3.2 bl  2ffaa) fi New York Yankees ($3.2bl  3ffaa) dha. Gareen kubbaa miilaa Baarseloonaa ($3.16 bl) fi Manchastar Yunaayitid ($ 3.1 bl) wolduraa duubaan 4ffaa fi 5ffaa dha.

    Gareen kubbaa miilaa dheerina qabeenyaan yoo hiriiran Riyaal Maadriid, Baarseloonaa, Manchastar Yunaayitid, Baayer Muniik fi Manchastar Siitiin sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa qabatu. Kilaboonni Ingiliizii bebbeekamoon Cheelsiifi Arsenaal wolitti aananii sadarkaa 6ffaa fi 7ffaa irra jiru.

    Akka sadarkaa kilboota ispoortii woliigalaatti Baayer Muniik 11ffaa, Man Siitii 30ffaa, Cheelsiin 31ffaa fi Arsenaal 36ffaa irra kan jiran.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.