More

    Xayyaarri Itoophiyaa Dabliinii gara Waashingitan balali’aa ture hatattamaan akka bu’u taasifame

    Xayyaarri Daandii Itoophiyaa, Boeing 787 Dream-liner, magaalaa Dabliinii (Ireland) gara Waashingitan (USA) balali’aa ture, ET500, rakkoo motora irraa gayeef jecha hatattamaan Dabliinitti deebi’ee akka bu’u taasfifamuu, Independent gabaaseera.

    Xayyaarri Daandii Itophiyaa sa’aa tokkoof wolakkaaf erga balali’aa turee booda motorri xayyaarichaa tokkochi hujii kan dhaabe. Sana booda ture xayyaarichi hatattamaan deebi’ee magaalaa irraa ka’etti, Dabliin, akka bu’u kan taasifame.

    Xayyaarichi imala kan eegale Boolee, Finfinnee, irraa ture. Dabliinitti bu’ee erga boba’aa guuttatee booda kan gara Waashingitanitti fuulleffate.

    Xayyaarri Daandii Itoophiyaa, ET500, gara Waashingitan balal’aa ture kuni imaltoota 300 fe’e akka tures beekameera. Balaan imaltoota irra gaye tokkos akka hin jirre beekkameera.

    Abdiisaa
    Abdiisaa
    Hawiin koo Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha. Namoonni hawwii koo qoodattanii fi waa gurra nubuusuu feetan naqunnamaa! email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.