More

    Zimbaabween baqattoota 179 gara Itoophiyaatti deebiste

    Zimbaabween baqattoota Itoophiyaa 179 seeraan ala daangaa biyyattii cabsanii seenaniiru jette ufirraa ariite, jedha gabaasni The Herald. Akka gabaasa kanaatti lammiileen Itoophiya kunniin bakka Nyampaandaa jedhamuun kan daangaa biyyattii cabsanii seeraan ala seenan.

    Lammiiwwan Itoophiyaa seeraan ala Zimbaabwee keessatti argamanii qabaman kunniin namoota umriidhaan 15 – 28 jidduu kan jiraniidha.

    Lammiiwwan Itoophiyaa hundi lubbuu baafachuuf mootummaa Itoophiyaa kan baqatan ta’uu ibsaniiru. Hedduun isaanii mootummaan biyyattii kan maatii isaaniis ajjeese ta’uu ibsuun koolugaltummaa gaafatan. Ta’us garuu manna murtii biyyattii himannaa isaanii kan fudhatu hinturre.  Dhuma irratti humna poolisiitiin kan mana murtii keessaa harkifamanii kan baafaman, akka gabaasa The Herald addeessutti.

    Namoonni kunniin humnaan gara Itoophiyaatti darbamuun balaaf kan isaan saaxilu ta’uun nimala.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.