More

    Xayyaarri Ruusiyaa biyya Masrii irratti kufe sababa boombiitiin jedhame

    Xayyaarri Ruusiyaa biyya Masrii irratti kufe sababa boombiin ta’uu Ruusiyaan beeksiste. Hanbaan dhukaatuu ykn boombii qaama xayyaaricha caccabee fi meeshaa imaltootaa irratti argameera.

    Mataan humna tikaa Ruusiyaa, ‘Akka qorannoo keenyaatti boombiin kiiloo tokkoo keemikaala TNT jedhamu irraa manatti tolfame xayyaarichi samii irratti akka dhooyu taasiseera,’ jeche. Itti dabaluudhaanis, ‘Gocha shororkeessitootaa ta’uu isaa afaan guuttannee dubbanna.’

    Xayyaarri kuni Onkoloolessa 31, 2015 Shaarm el Sheek ( Masrii) irraa gara Piiterisbarg (Ruusiyaa) osoo balaliu ture kan gammoojjii Siinaa irratti kufe. Xayyaara keessa namoonni turan hunduu (224)  dhumaniiru.

    Sababaan kufaatii xayyaarichaa rakkoo teeknikaa ta’uu danda’a shakkii jedhutu amgawoota masriifi Ruusiyaa bira ture, gara jalqabaatti.

    Gareen ISIS, inni Siinaa keessa socho’u, itti gafatamummaa isaa fudhachuun niyaadatama.

    Prezidaantiin Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin  kanniin kufaatii xayyaarichaaf sababa ta’an hunda akka adamsan humntoota tikaa biyyattii ajajaniiru.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.