More

    Suudaan Mollaa Asgadoomii fi woraana isaa dabarsitee Itoophiyatti laatte

    Generaal Mollaa Asgadoomii fi woraana isaa mootummaan Suudaan dabarsee humna nagaa Itoophiyaatti laatuun gabaafame. Suudaan Mollaafi humna isaa kan gara Itoophiyaa deebifte guyyaa kaleessaati. Tankaarfii mootummaa Suudaan kana mootummaan Itoophiyaa faarseera; injifannoo guddaa jechuudhaanis dhaadhesseera.

    Mollaa Asgadoomiifi humni woraana isaa naannoo 800 titti tilmaamamu Sanbata darbe ture biyya yeroo dheeraadhaaf keessa socho’aa ture gadi lakkisee gara Suudaan magaalaa Hamdaa’ititti kan baqate. Gara Suudaanitti baqachuuf kan isaan dirqe woraanni humnoota mootummaa Eertiraa irraa itti banamuu isaatiif ta’uunis gabaafamee ture.

    Huni Mollaa Asgadoom akkuma Suudaan seenaniin hidhannoo akka hiikkatu taasifamee ture.

    Mollaa Asgadoom mataa Worraaqsa Dimokraatawaa Ummata Tigraay ta’uun isaa nibeekama.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.