Qorattoonni sanyii leencaa yeroo dheera dura badeera jedhamee amanamaa ture bosona Baalee keessatti argan. Sanyii leencaa kana kaameraa isaatiin kan qabe, Çağan Şekercioğlu, qorataa Yinivarasiitii Utaah fi National Geography dha.

Leenci bosona Baaleetti argame kuni gam’aa gurraacha qaba. Kana jechuun sanyiin leencaa kuni isa dirree Afrikaa biyyoota akka Keeniyaa fi Tanzaaniyaatti argamuun adda ta’uu hin oolu jedham.
Woggaa dabre leenci naannoo 50’tti tilmaamamu paarkii Alaataash (nannoo Benshaangul) daangaa Suudaanitti argamu keessatti mul’ateera.
Yeroo kanatti waliigalatti sanyii leenca 20,000 hin caalletu guutuu addunyaa irra jiraata jedhameeti kan tilmaamamu. Laakkofsi leencaa yeroodhaa yerotti gadi bu’aa dhufuun isaa sanyiin leencaa gara baduutti dhiyaataara yaaddoo jedhu uumeera.