More

    Saayinsistoonni Jarmanii ‘aduu namtolchee’ irratti qorannoo taasisaa jiru

    Qorattoonni biyya Jarmanii ‘aduu namtolchee guddittii addunyaa’ waan jedhanii moggaasan irratti qorannoo addaddaa geggeessaatiin jiru. Qorannoon kuni kan geggeeffamaa jiru buufata qorannoo naannoo Kolanitti argamu keessatti. Hoogganaan garee qorannoo kanaa, Bernhard Hoffschmidt, ‘ifnana adduu lafa irratti uumudhaan aduu gara lafaa fiduudhaaf carraaqaa jirra’, jedhe.

    Ifnanni aduu ‘adduu namtolchee’  kuni kan tolfamte ifaa humna cimaa qabu 149 iddoo tokkotti akka ifu taasisudhaan. Ifaanni bifa kanaan uumame kuni  si’a 10,000 ifnana aduu caaluu danda’eera. Ammas, Ifnanni kuni oo’a seelshiyesii 3,000 oli ta’u maddisiisuu danda’eera. Ciminni humna ifnana kanaa huurka bishaanii gara Hydrojiinii fi Oksijiiniitti gargarbaaseera. Egaa, yaaliin saayinsitoota kanaa Haydroojiinii bishaan irraa bifa kanaan argamutti dhimma bayuudhaan anniinsa (boba’aa) konkolaataan, xayyaarrii fi wantoonni biraa ittiin hojjatan uumuuudha.

    Qorannoon kuni qama carraaqqii saayinsistoonni anniinsaa Kaarbondaayoksaayidii irraa walaba ta’e uumuudhaaf godhaniidha.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.