More

    Qaaraa (Qacaa) diimaa soorachuun carraa du’uu %13 hir’isa jedhu qorattoonni

    Warri qaaraa diimaa jaalattan itti cimsaa; kan sodaattan xiqqo-xiqqoon nyaata keessa buusaa. :)

    Qaaraa ykn qacaa diimaa nyaachuun carraa du’uu dhibbeentaa 13 akka hir’isu qorannoon ifa godhe. Akka qorattoota Yunivarsiitii Vermont (Larner College of Medicine) biyya Ameerikatti aragamutti qaaraan ykn qacaan carraa du’aa %13 kan gadi hir’isu dhibee onnee fi cufamiinsa ujummoo dhiigaa hir’isuudhaan.

    Qorannoon kuni kan geggeeffame namoota 16,000 irratti. Namoota kanniin irratti woggaa 23 hordoffiin godhamaati kan ture.

    Qaaraan ykn qacaan diimaan raajii kana akkamitti akka hojjatu ammatti ifaa miti. Garuu fayyaa namaaf (umrii dheerinaaf) gumaacha guddaa kan godhaa jiru capsaicin waan jedhamu (qaaraa diimaa keessatti argama) taúu hin oolu shakkii jedhu qabu, qorattononni. Capsaicin amala ujummoo dhiigaa qulqulleessuu fi furdina hirísuus qaba.

    Qacaa nyaachuu fi umrii dheerinni walitti hidhata qabaachuu isaanii kan agarsiise yeroo jalqabaaf qorannoo bara 2015 biyya Chaayinaatti geggeeffameedha.

    Qorannoon dabalataa walitti hidhata umrii dheerinaa fi qacaa diimaa nyaachuu mirkaneesse taaneen gara funduratti qaaraa diimaan akka dawaaatti ykn akka soorata dabalataatti fudhatamuun isaa waan hin oolle ta’uu dubbatu qorattoonni.

    Warri qacaa diimaa jaalattan itti jabeessaa; kan sodaattan ammoo xiqqo-xiqqoos taatu nyaata keessa buusaa 🙂

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.