More

    Paris IAAF Golden Diamond League irratti falamiin kan godhamu Ganzabee Dibaabaafi Almaaz Ayyaanaa jiddutti

    Bara kana isaan lamaanuu rikoordii m5000 cabsuuf kan isaaniif hafe sekondii yartuu ture. Erga barri 2015 eegalee atleetonni bebbeekamoon kunniin dirree falamii irratti wolhinqunnamne. Yoo wolitti dhufan maaltu uumamaan gaafii hundaati. Amma garuu gaafiin suni debii argachuuf guyyaa lama qofatu hafa.

    Fiigichi iftaanii, Bitootessa 4 Paris IAAF Golden Diamond League, wolmorkii Ganzabeefi Almaaz jiddutti geggeeffamu ta’uu isaati kan gabaafamaa jiru. Atleetonni kunniin diree kan seenaniif inni tokko isa biraa irratti ol’aantummaa mirkaneeffachuu qofaaf miti. Waan sanii oliitu jira. Innis, falamiin oo’aan isaan lamaan jiddutti geggeefamuuf deemu rikoordii m5000 erga 2008 (Xurunesh Dibaabaa) asi namni fooyyessu dhabame burkuteessuufis kan qiyyaafateedha.

    Fiigicha hanga ammaa lamaan isaanii jiddutti geggeeffameen Ganzabeen 6 – 2 Almaaziin dursiti. Woggaa dabre keessaa Ganzabeefi Almaaz dirree irratti sia 3 wolqunnamani: Ganzabeen si’a 2 ol’aantummaa isii Almaaz irratti yoo mirkaneeffattu Almaaz ammoo yeroo tokko Ganzabee injifachuu dandeetteerti. Fiigicha m5000 bara 2015 keessa taasifameen sa’aa gaarii kan galmeessise Almaaz turte, garuu. Egaa kana kan dirree irratti wolitti dhufiinsa isaanii akka addunyaan qalbii guutuun eegu kan taasise.

    Rikoordiinis haa cabu. Isaan keessaas tokko ol’aantummaan haabayu. Dhumarratti injifannoon gama hundaan argamu harka keenna kan hinbaane ta’uu isaati kan nama abdachiisu.  Wan ta’u hunda iftaan arguuf deemna. Hiree gaarii lamaan isaaniif.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.