More

    Mootummoota Gamtoomanitti Komishinarri Falmaa Mirganamoomaa ajjeechaan atattamaan haadhaabatu, yakkamaanis seeraaf haa dhiyaatu jedha

    Kallattii addunyaa heddu irraa dhiibbaa fi balaaleffannaan Woyyaanee mudataa jira

    Mootummoota Gamtoomanitti Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa (UN High Commissioner for Human Rights) sarbamiinsi mirga namaa Oromiyaa keessatti geggeefamaa jiru kan isa yaachise ta’uu ibse. Kimishineriin kuni kana kan ifa godhe ibsa akka haarawatti baaseen. Haalli Itoophiyaa gara hamatti adeemaa jiraachuu isaas mul’isa ibsi Komishinerichaa.

    Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa Irreecha hara Arsadii irratti lubbuun namoota heddu galaafatamuufi kanaafis sababni tankaarfii humni tika mootummaa ummata kabajaa ayyaanaaf wolgaye irrati fudhate ta’uu saaxila. Yakka ummata irratti Bishooftutti raawwatame hordofee dallansuu ummataan mootummaan raafamaa fi tankaarfiin garajabeenyaa ummata mormii geggeessu irratti fudhatamaa jira jedha ibsi kuni.

    Ummata mirgaaf falmatu ajjeesuun, hidhuu fi doorsisuun fala akka hin taane Mootummoota Gamtoomanitti Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa yaadachiisa. Wolqunnamtii bilbilaa fi intarneetii addaan kutuudhaanis rakkoon kuni akka hin furamne mootummaa Woyyaanee hubachiisa. Mootummoota Gamtoomanitti Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa fala kan jedhu mootummaan ajjeechaa irraa uf qusachuu fi gaafii ummataa karaa nagaan simachuudha.

    Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa kuni gaazexessitoonni tibbana hidhamanis akka gadi lakkifaman gaafateera.

    Mootummoota Gamtoomanitti Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa yeroo dabres bifuma wolfakkaatuun ajjeechaan Itoophiyaa keessaa akka dhaabatu, yakka taasifames qaamni walabaa akka qoratuu fi qaamni yakka hojjate seeraaf akka dhiyaatu gaafatee ture. Mootummaan Woyyaanee gaafii kana kuffisee ture. Ammas Mootummoota Gamtoomanitti Komishinerri Falmaa Mirganamoomaa yakka yeroo dheeraadhaaf Oormiyaa keessatti ummata irratti hojjatamaa ture qorachuudhaaf mootummaan Woyyaanee akka isaaf hayyamu irra deebi’ee gaafateera.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.