More

    Mootummaan Oromiyaa koree deeggarsa lammii buqqa’eef godhamu qindeessitu dhaabe

    Mootummaan Oromiyaa koree deeggarsa qindeessituu fi lammii buqqa’ee deebisanii dhaabuu irratti hojjattu dhaabuu isaa ifa godhe. Koreen tuni deeggarsi karaa iftoomina qabuun wolitti qabamuu isaa fi kaayyoo barbaadamuuf ooluu isaa mirkaneessuu irratti hojjatti. Kayyoon koree tanaa inni biraa deeggarsi eegalame cimee akka itti fufuuf tooftaa baastee hojjachuudha. Koreen tuni akkaataa lammii buqqa’e deebisanii gadi dhaabuun danda’amu irrattis yaada ni dhiyeessiti. Ammas, gamtaa Oromoo cimsuu fi hariiroo Oromoo fi saboota biraa jidduu jiru gabbisuu irrattis hojjachuudhaaf koreen tuni dirqama fudhatteerti.

    Koreen tuni namoota hawaasa Oromoo biratti fudhatama qaban uf keessatti kan ammatteedha. Bifuma kanaan:
    1.Dr. Abarraa Dheeressaa (walitti qabaa)
    2.Kab. Obbo Isheetuu Dassee (I/A/walitti qabaa)
    3.Obbo Tolosaa Daggafaa (Barressaa)
    4.Obbo Abarraa Tolaa (Miseensa)
    5.Qasis Balaay Mokonnin (Miseensa)
    6.Abbaa Gadaa Bayyanaa Sambatoo (Miseensa)
    7.Luba Yoonaas Yigezzu Dhibbisaa (Miseensa)
    8.Sheek Ahimad Zaakir (Miseensa)
    9.Pastar Bojaa (Miseensa)
    10.Obbo Dinquu Dayyaas (Miseensa) miseensota koree tanaa ta’anii filatamaniiru.

    Koreen tuni carraaqqii lammii deebisanii dhaabuuf godhan hunda keessatti milkaayina hawwinaaf.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.