More

    Manni murtii Itoophiyaa hoogganoota Muslimaa irratti adabbii woggaa 7 hanga 22 dabarse

    Manni murtii Itoophiyaa hoogganoota Muslimaa yeroo dheeraadhaaf mana hidhaa turan irratti murtii gannaa 7 hanga 22 kan murteesse guyyaa har’aati.  Akka murtii manni hidhaa Federaalaa dhadachi Boolee dabarse kanatti Abubakar Ahmad, Ahmaddiin Jabal, Yaasin Nuuruufi Kamiil Shamsuu guyyaa too’annaa jala oolanii kaasanii tokkoo tokkoon isaanii hidhaa woggaa 22’n akka adabaman murteesseera.

    Bifuma wolfakkaatuun manni murtii kuni  Badruu Yaasin, Saabir Yirguu, Muhaammad Abaataa, Abubakar Alamuufi Muniir Huseen irratti murtii woggaa 18 dabarseera. Adabbiin Sheek Makataa Muhee, Ahmad Musxafaa, Sheek Sa’id Alii, Mubaarak Aadamiifi Kaalid Ibraahim irratti dabarfame ganna 15’n akka adabaman kan agarsiisuudha. Akka murtii Manni murtii kuni dabarsetti Muraad Shakuur, Nuuruu Turkii, Sheek Baahiruu Umariifi Yuusuf Geetaachoo guyyaa qabamanii kaasee woggaa 7 mana hidhaa turuu akka qabaniidha kan murtaaye.

    Manni hidhaa biyyattii murtee mana murtii kana kan raawwachiisu yoo ta’u, hidhamtoonni hundi woggaa 5’f mirga qaban hunda guutuu kan dhaban ta’uunis beekameera.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.