More

    Manni hidhaa Qiliinxoo gubataa jira; haalli Baqqalaa Garbaa fa’a yaachisaa ta’era

    Mana hidhaa Qilinxoo keessa ob.Baqqalaa Garbaa fi hidhamtoonni siyaasaa Oromoo heddutu jira

    Manni hidhaa Qiliinxoo ibiddaan barbadaayaa jiraachuun isaa gabaafamaara. Sababa ibiddaa fi dhukaasaan namoonni 20 du’uu isaaniiti kan maddi garagaraa argisiisutti jiran. Hireen Ob.Baqqalaa Garbaa fi Oromoota biraa maal makka ta’e ammas hin baramne. Ibiddi kuni akkamittii fi eennuun akka qabate ammatti beekuun hin danda’amne. Mooraa mana hidhaa keessatti, ibiddaan duratti, dhukaasni yeroo dheeraadhaaf ture geggeeffamaa turuun isaas hubatameera.

    Mana hidhaa Qiliinxoo keessa ob.Baqqalaa Garbaa fi hidhamtoonni siyaasaa Oromoo heddu akka jiran ni beekama.

    Itoophiyaa keessatti ibiddi yeroo addaddaatti manniin hidhaa barbadeessaa ture. Baatii muraasa dura gubatiinsa mana hidhaa Ambootiin lubbuun hidhamtoota hedduu galaafatamte. Guyyaa muraasa dura ammoo naannoo Amaaraatti manniin hidhaa Goondarii fi Dabrataaboritti manniin hidhaa gubatan. Achittis lubbuu hidhamtoota hedduutu ibiddaan nyaatame.

    Mudannoo kana duraan manniin hidhaa biyyattii keessaa akkamittii fi eennuun akka gubataa turan gama mootummaan wanti jedhame dhabamuun isaa mootummichi harka keessaa qabaachuu hin oolle gara jedhutti ummata geesseera. Tooftaa manni hidhaa gubate jedhuun lubbuu hidhamtoota siyaasaa baasaa jira shakkiin jedhus baay’inaan dhagayamaa dhufeera.

    Lubbuu hidhamtoota Oromoo waaqni haa tissu jenne.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.