More

    Manchastar Yunaayitid garaagarummaa Man Siitii wojjiin qabu dhiphisee

    Manchastar Yunaayitid taphicha suuta eegale.  Inumaa Saawuzhamtan ture goolii Graaziyaanoo Peeleen galcheen dursa fudhachuu kan danda’e. Ta’us garuu, garee taphattoota ciccimoo kanneen akka Antonii Maarshiyaal qabuuf wanti hindanda’amne jira hinfakkaatu. Maartiaal tapha har’aa irratti goolii 2 laakkofsiise. Gooliin Maarshaal lamaan mooraa Manchastar keessatti tasgabbii uumuu bira dabritee gareen kuni morkataa isaa akka dursu taasisteerti. Taphaafi gooliin Maarshaal laakkofsiise taphataan kuni kilabii isaaf hangam murtessaa akka ta’eefi ta’uuf deemu kan nutti argisiiste ture. Goolii sadaffaa Manchastariif kan laakkofsiise Mataa ture.

    Saawuzhamtaniif goolii lammaffaas kan laakkofsiise Graaziyaanoo Peelee ture. Gareen Saawuzhamtan yaalii goolii heddu godhus irra jireessa hiree uumee gara gooliitti geeddaruuf hinmilkoofne.

    Taphni Manchastarfi Saawuzhamtan leenjistoota garee lamaanii lammummaa Hoolaand qaban (van Gaal vs Koeman) wolhafoo kan dhaabe ture.

    Tapha Priimer Liigii guyyaa har’aa geggeeffameen Liivarpool Noorwichiin irratti ol’aantumma mirkaneeffachuu hindandeenne. Liivarpool garee Noorwiich wojjiin 1 – 1’n gargar baye. Liivarpool taphaanis ta’ee gooliin caalmaa osoo hinfudhatin hafe.

    Daani’eel Staariij yeroo baatii 5 booda kan Liivarpoolif hiriire. Tapha har’aa booda Liivarpool sadarkaa 13ffaa irra turun dirqii itti ta’eera.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.