More

    Maalii magaalaa Bamakootti hidhattoonni namoota 170 iggituun gabaafame

    Ganama har’aa, barii barraaqaa, hidhattoonni  kudhan hoteela  Radisson Blu Hotel magaalaa Bamakootti, Maalii, argamu humnaan seenuudhaan namoota hoteela keessa jiran 170 iggituun isaanii gabaafameera. Namoonni iggitaman: keessummoota 140 fi hojjattoota hoteelaa 30.

    Hoteela Radisson Blu’tti baay’inaan kan tajaajilaman lammiilee biyya alaa kannin Maalii keessatti hojjatanii fi biyyattii daawwatan ta’uunis hubatameera. Lammiin biyya Chaayinaa tokko namoota hoteelicha keessatti iggitam keessaa tokko ta’uu isaa bilbilaan Xinhua’tti himeera.

    Namoota iggitaman gadilakkisiisuuf humni nageenya Maalii hoteelicha seenuun beekameera. Hanga ammaati namoota 80 gadi lakkisiisuun isaanii TV’n Maalii gabaaseera. Paayileetonni xayyaara Daandii Faransayii fi xayyaara Daandii Turkii nammoota iggitii jalaa lubbuun bayan keessa akka jiranis beekameera. Namoonni 27, hidhattoota 2 dabalatee, du’uun hubatameera.  Laakkofsi namoota lubbuu dhabanii ni dabala sodaa jedhutu jira.

    Hidhattoonni waardiyoota hoteelaa hunda ajjessuudhaan kan hoteelicha too’annoo isaanii jala oolchan.

    Baatii Hagayyaa keessas, achuma Maalitti, hidhattoonni hoteela magaalaa Sevaareetti argamu tokko sa’aa 24’f iggitanii du’a namoota 13’f sababa ta’aniiru.

    Iggitii har’a hoteelicha irratti taasifameef qaamni hanga ammaatti itti gafatamummaa fudhate hin jiru.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.