More

    Itti-gaafatamaan dhimma pirotokoolii muummicha ministera Itoophiyaa sirnicha ganuudhaan Ameerikatti koolugaltummaa gaafatan

    Obboo Baayyee Taaddasaa Tafarii, itti-gaafatamaan dhimma pirotokoolii Muummicha Ministera Haylamaaram Dassaaleny, mootummaa woggaa 20 oliif tajaajilaa ture ganuudhaan Ameerikatti koolugaltummaa gaafate.

    Ob. Baayyeen koolugaltummaa akka gaafatuuf kan isa dirqe haalli siyaasa biyyattii sadarkaa yaachisaa irra gayuu isaati. Hanga yeroo biyya gadi lakkisee bayetti, Ob. Baayyeen, nama furtuu waajjira MM Haylamaaram Dassaaleny harkaa qabu ture. Yeroo MM Mallas Zeenaawii lubbuun tures  namni itti gaafatamaa dhimma pirotokoolii ture isuma kana.

    Ob. Baayyeen MM Haylamaaram wajjiin gara Ameerikaatti kan imale wolgahii mootummoota Gamtoomanii, magaalaa New York’tti geggeeffamaa ture, irratti hirmaachuudhaaf ture. Haalli biyyattii waan isa sodaachiseef achumatti hafuudhaaf murteesse, garuu.

    Namni furtuun masaraa woggaa 20 oliif harka isaa turte bifa kanaan sirnicha ganuun isaa wanti mirkaneessu yoo jiraate kufaatiin sirnichaa hanga hedduun namaa tilmaamuu olitti dhiyaatuu isaati,jedhu taajjabdoonni.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    1 Comment

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.