More

    Itoophiyaa keessatti gatiin meeshaalee bara kana %10.4 dabale

    Akka gabaasa biiroo staatistiksii Itoophiyaatti gatiin meeshaalee woliigalatti %10.4 bakka bati woxabajji woggaa dabre ture irraa ol ka’uu isaati kan ifa godhe.

    Gatiin nyaataa bara kana hedduu gubbatti kan oldhiibe gatii nyaata kanniin akka foonii, kudraafi fudraalee adda addaati. Gatiin nyaata kanniinii bakka bara dabre ture irraa %12.4n qaalayee kan argame. Baatii kanatti, bara dabre jechuudhaa, gatiin gosa nyaata kanniinii %10.1n dabaliinsa kan argisiisee ture.

    Akka ibsa biiroo staatistiksii biyyattiitti bara kana gatiin meeshaalee biraa, kan nyaata hin ammanne,  %8.2 kan ol ka’e.

    Gatiin nyaataafi meeshaalee biraas woggaa woggatti bifa kanaan dabalaa deema taanaa woggaa muraasa keessatti gatiin isaa dadhaa kan ta’u. Kuni diinagdee hawaasichaa irratti balaa guddaadha. Galii ummataa xuruuree fudhachuudhan ummanni dadhabbii woggaa meeqaa boodas dukkanuma hiyyummaa keessa akka tirtiru nama godha. Egaa balaa kana hir’isuuf yeroo baay’ee mootummooleen biyya hedduu kan gatii meeshaalee tasgabbeesuu irratti imaammata cimaa baafatanii kan hojjattuuf.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.