More

    Haylamaaram Dassaalenyi tankaarfii Fayyisaa Leellisaa Rio’tti fudhateef itti gaafatamaan Oromoo USA jiraatuudha jedha

    Haylamaaram D atleet Fayyisaa xiqqeessa, nama waan hojjatu hin beekne fakkkeessa

    Haylamaaram Dassaalenyi tankaarfii atleet Fayyisaa Leellisaa Rio’tti fudhateef quba isaa  Oromoo Ameerikaa jiraatuuti akeeke. Akka hubannoo Haylamaaram Dassaalenyitti gocha bilchina siyaasaa sadarkaa haganaa qabu atleeti Fayyisaa Leellisaa ufii isaatii fudhachuu hin danda’u.

    Fayyisaan murtee gootummaa isaa kana keessaa eennuyyuu harka akka hin qabne  yeroo addaddaatti ifatti miidiyaalee addunyaa hundatti himeera. Yakki Oromoo irratti raawwatamaa jiru gara tankaarii mooummaa Woayyaanee saaxiluutti dhiibee isa geessuu hin dhoksine, Fayyisaan. Dhugaa kana haaluudhaaf dhama’aa jira HMD.

    Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiru Haylamaaram waan biraa odeessa. Yaanni Haylamaaram dogoggora qofa osoo hin taane tuffii guddaas uf keessaa qaba; Oromoo hundaaf. Haylamaaramii fi gooftonni isaa Oromoon fagotti gatee biraa deemuu ammas hin hubanne ykn osoma argan dhugaa fudhachuudhaaf hin qophoofne. Gara lamaanittuu kan rakkatuu fi dukkana keessa tiratu isaanuma.

    Ammatti filannoon Haylamaaram, kan akka tooftaa gaariitti itti mudhate gootummaa Fayyisaa xiqqeessuu, sadarkaa abshaalummaa fi bilchina isaa salphisuudha. Kana godhuudhaan Haylamaaram jibbaa fi tuffii daangaa hin qabne, silaa wanti tiissisa irraa eegamu kanaumaa, atleet Fayyisaaf argisiise. Fayyisaa nama waan hojjatu  hin beekne fakkeesse, Haylamaaram. Garuu, akka oduuu isanii osoo hin taane, Fayyisaan gochaan kan isaan caalu ta’uu iaftti argisiisee. Egaa dhugaa kana kan garaacha isaaniitti ibidda qabsiise.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.