More

    Gammadaa Waariyoo ‘Down Down TPLF!’ Woyyaanee fi Saharaa miliqee Kaayiroo seene

    Gammadaa Waariyoo, Fiqaaduu fi dargaggoonni saba isaaniif jecha barnootaa fi jiruu dhaban, osoo Oromoon jiru Kaayirotti rakkachuu fi umrii fixachuu hin qaban.

    Gammadaa Waariyoo, gootichi Oromoo, ayyaana Irreechaa onkoloolessa 02, 2016 irratti ummata miliyoonaa hedduu fi kaameraa addunyaa funduratti Down Down Down TPLF! jedhaa Woyyaanee salphisee fi gootummaa ajaa’ibsa Oromoo fi diinota isaatti mudhise qarriffaa Woyyaanee keessaa bayuudhaan Kaayiroo, Masrii seenee jira.

    Gootummaa isaan, Gammadaan, qabsoo Oromoo boqannaa haarawatti ceesise; akkasumas maqaa isaa galmee seenaa saba isaa keessa seensise. Abdii saba isaa ta’uu hundattii agarsiise. Gochi isaa adunyaa hunda, habashoonni osoo hin hafin, maalalchiise. Namni gocha Gammadaatti hin boonnee fi hin gammanne Woyyaanee fi kittillayyoota isaa qofa.

    Saba isaaniitiif jecha kan du’anii fi qaama dhaban heddu. Gammadaan saba isaaf namoota wareegama hanga lubbuutti kaffaluudhaaf qophaaye gara waltajjiitti olbayeedha. Ummata Itoophiyaa fi woraana hanga afaaniitti hidhate funduratti sagalee guddistuu fudhatanii Down Down Woyyanee jechutti kan nama geessu saba ufiif jecha wareegamuuf qophaayuun alatti waan biraa ta’uu hin danda’u. Garuu, lubbuun guyyaa isii malee hin baatuu, Gammadaan Waariyoo, Woyyaanee fi gammoojjii Saharaa miliqee, lubbuun Kaayiroo gayuu danda’eera.

    Akkuma Fayyisaa Leellisaa, Gammadaan saba isaaf seenaa addaati kan hojjate. Namni qabsoo bilisummaa Oromoof sadarkaa kanatti gumaache Oromoo biraa galataa fi deeggarsa barbaachisu hunda argachuu qaba. Dargaggoo teenna seenaa gurguddaa hojjataa jiraniifis birmachuun dirqama hundaati. Gammadaa Waariyoo, Fiqaaduu fi dargaggoonni saba isaaniif jecha barnootaa fi jiruu dhaban osoo Oromoon jiru Kaayirotti rakkachuu fi umrii fixachuu hin qaban. Qabsaayota akkanaatii deeggarsa barbaachisu laatuu dadhabuun Qeerroo biyyatti diina afoo harka qullaa dhaabataa jiran keessattti hamilee ajjeesa; qabsoon Oromoo akka dadhabdu ykn dhaamtu taasisa.

    Gammadaa Waariyoo Woyyaanee fi gammoojjii Saharaa miliqee Kaayiroo gayuu isaatti Oromoon hundi baga gammaddan!!

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.