More

    Fiilmiin Ajaa’iba jedhamu Gurraandhala 2015 bayuuf jira

    Gama guddina aartii Afaan Oromootiin wontoonni gaggaarii fi kanneen nama abdachiisan hedduun mudhataa jiru. Barreeffamaa fi sirbaan alatti, hojiin fiilmii Afaan Oromoo bara kana boqonnaa haarawa waan seene fakkaata. Tankaarfii gaariidha, Artistoota keennan.

    Bara kana artistoonni fi daayrektaroonni Oromoo heeduun, kanneen biyyaa fi biyyaan ala jiraatan, hujii fiilmii qopheessu irratti bobba’anii fiilmii gaggaarii, ergaa fi woraabbiinis, ta’an ummata biraan gayaa jiru.  Kanneen sarara irra jiran, ammo, heddu fakkaatu. Ishoo!

    Keeyriyaat Yuusufiin kan barreeffame fiilmiin Asaantii Sadaasaa 15 eebbifame. Yeroo gabaabaa keessatti ija ummataa bira nigaya jedhameeti kan dubbatamu.

    Fiilmiin Ajaa’ibaa, bifuma wolfakkaatuun, yeroo gababaa kessatti ummataaan wolarguuf deema. Fiilmiin Ajaa’iba woggaa dhufu gara jalqabaatti, Gurraandhala keessa, ummata bira nigaya jedhameeti kan abdatamu.

    Barreessitoonniifi daayrektaroonni fiilmii kanaa Saamson Maarqoosii fi Guutamaa Buttaa ta’uun beekameera. Hiree gaarii artistoota keennaaf.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    1 Comment

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.