More

    Dr Abbiyyii fi Ob Isaayyaas woliigaltee nagaa, diinagdee fi dippiloomaasii mallatteessan

    Daawwannaa ministerri muummee Itoophiyaa, Dr Abiyyi Ahmad, Ertiratti godhe hordofee biyyoonni lamaan woldhabdee woggaa 20’f turetti xumura godhuu fi boqonnaa haarawa saquuf murteessuu isaanii ifa godhan.

    Akka woliigaltee hoogganoota biyyoota lamaaniitti kana booda nageenni biyyoottan lamaan jiddutti ni sabata, wolitti gaarreffannana yeroo dheeradhaaf isaan jidduu ture xumura ni argata.

    Dr Abiyyii fi Ob Isaayyaas marii geggeessaa turn yeroo xumranitti woliigaltee Itoophiyaa fi Ertiraa jiddutti nagaa fi tasgabbii argamsiisuuf, akkasums murtee daangaa Aljeersi hujii irra oolchuuf woliigalaniiru. Gama biraatiinis, hoogganoonni lamaan, Itoophiyaa fi Ertiraa daldala, diinagdee, geejjiba, aadaa fi dippiloomaasiin wolitti hidhuuf hojjachuudhaaf woliigaltee irra gayaniiru.

    Sochii Dr Abiyyii fi imala inni gara Ertiraaatti godhe gareen ABUT (Woyyaaneen) hin jiaalanne. Woliigaltee amma mallataayes danquuf tattaafachuun isii kan hin oole. Kana hubachuu ta’uu hin oolu kan hoogganoota lamaan rakkoo gara funduratti isaan mudatuu malu kamuu woliin hojjachuudhaana irra ni aanna waan jedhuutti kan isaan geesse. Wanti ifa ta’u qabu rakkoon Woyyaaneef jecha Itoophiyaa fi Gaafni Afrikaa harkaa miila hidhamuu kan hin qabne ta’uu isaati.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.