More

    BBC’n Tamsaasa Raadiyoo Afaan Oromoo Guyyoottan Muraasa Keessatti Akka Eegalu Beeksise

    BBC’n Tamsaasa Raadiyoo Afaan Oromoo eegaluudhaaf qophii isa barbaachisu hunda xumuruu ifa godhe. Akka ibsa BBC’tti tamsaasni kuni kan eegalu guyyoottan muraasa keessatti. Kunis kan dhugoomu baatiin Fulbaanaa osoo hin xumuramin ta’uu isaatu himama. Fuulli Feesbuukii BBC Afaan Oromoo akkuma banameen hordoftoota kumaatama horachuu danda’eera.

    Tamsaasani BBC Afaan Oromoo dhugoomuu jechuun guyyoottan muraasa booda Oromoon Afaan isaa BBC irraa dhaggeeffachuu fi odeeffannoo madaalawaa ta’e argachuuf eegala jechuudha. Kuni Oromoo fi afaan isatiif tankaarfii takka gara funduraatti.

    Karoora BBC keessatti Afaan Amaaraa fi Tigrees ammatamaniiru. Ammas, karroorri BBC haarofni kan agarsiisu dhaabbanni Biriitaaniyaa kuni tamsaasa isaa gara Naayjeeriyaatti afaan sadiin (Igboo, Pidignii fi Yurubaan), akkasumas gara Hindiitti afaan afuriin (Gujaraati, Maraatii, Punjaabii fi Telguun) kan dabarsu ta’uu isaati. Tamsaasni Afaan Kooriyaas bara 2017 keessa akka jalqabu beekameera.

    Afaan Oromoo fi Ingiliffaa dabalatee BBC’n afaan 40 tamsaasa raadiyoo fi televiziyoonaa kan kan dabarsu ta’uun beekmaeera.

    Oromoon hundi baga gammaddan!

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.