More

    Oromoof barri 2016 kan garajabeennaa fi ukkaamsaan keessatti daangaa ce’e ta’uu isaa HRW ibse

    Ummata Oromoof barri 2016 kan garajabeenni, dararaa fi ukkaamsaan daangaa itti ceé taúu isaa Human Rights Watch (HRW) gabaasa isaa keessatti ibse. Humni woraana mootummaa ummata hiriira nagaa geggeessaa ture irratti tankaarfii ajjeechaa, hidhaa fi gidiraa addaddaa raawwataa tureera. Haalli kuni labsii yeroo muddamaa Onkoloolessa keessa labsame booda inumaa ni hammaate, jireenyi ummatatti ni hammaate, akka gabaasa HRW kanatti.

    Bara 2016 keessaa namoota kuma heddutti laakkawamaniidha kan hidhaaf saaxilaman. Kanniin hidhaman keessa hoogganoota siyaasaa gameeyyii, barreessitoota, barsiisota, barattoota, daladaltootaa fi qoteebulaan isaan tokko. Ukkaamsaa fi tankaarfiin hamaan humnoota Woyyaaneen fudhatamaa turan jaarmayaalee siyaasaa walabaa fi dhaabbilee hunda irratti dirree siyaasaa dhiphise; hunda taphaan ala taasise. Abbaa-irrummaan biyyattii keessatti akka lalisuuf haala mijeesse.

    Tankaarfii ukkaamsaa fi gidiraa woggaa tokkoo oliif bifa yaachisaa taéen itti fufe boodas jijjiiraan buúuraa, irra diddibaan alatti, mootummaan godhe tokko hin jiru. Hanga ammaatti waadaa guutamuun isaa heddduu shakkisiisaa taé qofa kan galamaa jiru, akka ibsa HRW kanatti. ‘Waadaa duwwaan ummata dhamaasuu dhiisee mootummaan garee fi namoota isa morman hunda waliin marii eegaluu qaba,’ jedha Felix Horn qorataan HRW.

    Mootummaan Itoophiyaa ammas daandii nagaa fi araaraa irra tarsiimoo ukkaamsaa filatuu isaati kan gabaasni HRW fi ragaaleen biroo agarsiisan.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.