More

    Atleetonni Itoophiyaa dhiiraa-dhalaan maaraatoonii Fraankifart injifatan

    Dubatoonni keenya 1ffaa hanga 3ffaa ta'uudhaan xumuran

    Kallattii lameeniinuu, wolmorkii dhiiraa fi dhalaanis, atleetonni Itoophiyaa maaraatoonii Fraankifart moo’achuudhaan gootummaa isaanii akkuma baratame addunyatti agarsiisaniiru.

    Wolmorkii fiigicha maaratoonii worra dhiira jiddutti ta’een atleet Siisaay Lammaa morkii cimaa atleetota Keeniyaa irraa isa mudate irra aanuudhaan abbaa meedaaliyaa worqee ta’uu danda’eera. Siisaay Lammaa woldorgommii maaraatoonii magaalaa Fraankifarti, Jarman, kan xumure sa’aa 2:06:26’tti. Siisaay, fiigicha kana irratti, sa’aa isaa kan kana dura galmeessisee tures  sekondii 40 fooyyesseera. Fiigicha booda yaada laateen,’ moo’achuu kootti baay’ee gammade. Karoorri koo sa’aa 2:05’tti galuuf ture,’ jedhe Siisaay.

    Siisaayiin hordofanii, lammafaa fi sadaffaa ta’anii kan galan atleetota Keeniyaati.

    Kan dirree dubartiitti ta’e adda jechuun ni danda’ama. Dubartonni keenya tokko namaa meedaliyaa mormatti akka diratuuf hin hayyamne. Atleetonni Itoophiyaa 1ffaa hanga 3ffaa ta’uudhaan meedaaliyaa qophaaye hunda gargara qooddatan.

    Maaraatoonii Frankifart kana atleet Gulummee Tolasaa sa’aa 2:23:12 galuudhaan moo’atte. Atleet Dinqinesh Maqaashii fi Kureen Jaalalaa wolduraa duubaan 2ffaa fi 3ffaa ta’uudhaan xumuran. Baga gammaddan!

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.