More

    Arsenaal, Man U fi Cheelsiin taphoota har’aa injifannoon goolaban

    Priimer Liigii Ingiliiz sadarakaa 1faa hanga 4ffaa kan dhunfatan Cheelsii, Arsenaaliifi Kilboota Manchastar lamaan

    Taphoota sanbata har’aa kilaboota Priimer Liigii Ingiliiz heddu jiddutti geggeeffameen kilaboonni gabatee Priimer Liigii irrati sadadarkaa ol’aanaa irra jiran hundi morkattoota isaanii moo’achuu danda’aniiru. Hunda caalatti injifannoon har’aa kan Arsenaal jechuun nidanda’ama. Arsenaal garee Liivarpuul 4 – 1 injifateera. InJifannoon kuni Arsenaal Priimer Liigii irratti akka gara sadarkaa 2ffaa ol siiqu isa taasiseera. Arsenaal goolii 3 boqonnaa dura kan laakkosfiise. Heector Beleriin, Uuzul, Saancheeziifi Jiruun taphattoota Arsenaaliif goolii kiyyoo keessa marmarsaniidha. Gareen Arsenaal taphoota gurguddaa taasise 11 keessaa 10 moo’achuu danda’eera.

    Bifuma wolfakkaatuun gareen Manchastar Yunaayitid garee Astoon Vilaa 3 – 1n moo’achuu danda’eera. Ander Hereeraa ( goolii 2) fi Ruunii turan kan gooliiwwan Manchastariin injifannoon geessan kan laakkofsiisan.

    Gareen Cheelsii tapha har’aa injifannoon xumuruun isaa addaddummaa qabxii Cheelsiifi kilabii sadarkaa 2ffaa irra jiru gara 7tti olkaaseera. Cheelsiin dirree isaa irratti Stook Siitii wojjiin taphateeti kan 2 – 1n injifate. Hazaardiifi Reemyiidha goolii kan kiyyoo keessa marmarsan.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.