More

    Al Shabaab loltoota Itoophiyaa 60 ajjeesuu beeksise

    Gamtaan Afrikaa loltoota Al Shabaab 110 hujiin ala godhuu isaa dubbata.

    Somaaliyatti gareen Al Shabaab haleellaa raawwateen loltoota Itoophiyaa naannoo Halgaanitti maandheffatan keessaa 60 ajjeesuu beeksise, akka gabaasa BBC’tti.

    Humni Gamtaa Afrikaa Somaalee keessatti bu’uurefatte haleellaa Al Shabaabiin irratti baname ufirraa qolachuu isaa fi loltoota Al Shabaab 110 hujiin ala godhuu dubbata. Waa’ee hubaatii Al Shabaab isaan irraan gaye wanti dubbate hin jiru, garuu.

    Jiraattonni naannoo Halgaan sagalee dhukaasaa yeroo dheeraadhaaf dhagayaa turuu isanii BBC’itti himaniiru.

    Yeroo kanatti woraana Gamtaa Afrikaa biyyoota shan irraa walitti bayan 22,000 ta’antu Somaaliyaa keessa quphateera- isa Itoophiyaas dabalatee.

    Baatii Amajjii keessas Al Shabaab tankaarfii wolfakkaataa fudhateen loltoota Keeniyaa 100 ajjeese jedhee ture.  Mootummaan Keeniyaa loltoonni irraa du’uu amanus meeqa akka ta’an  ifa godhuu hin barbaanne.

    Admin
    Adminhttps://www.walabumedia.com/
    Researcher & blogger. Focus on Ethiopia, Oromia and the Horn of Africa. 2 Inspire Qubee Generation & Empower Afan Oromo speakers! For story tips, naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.