Artist Aabush Zallaqee istuudiyoo sirbaafi fiilmii haarawa magaalaa Finfinneetti banuudhaan hawiisaa kan yeroo dheeraa dhugoomse. Istuudiyoon kuni Rufa Film production jedhama. Rufa jechuun waan adaa Oromoo keessatti namonni matatti maratan ta’uusaati kan Abush VOAtti hime.
Rufa Fim Production istuudiyoon hojii isaa erga eegalee gara baaatii 6 ta’eera. Istuudiyoon kuni hanga ammaatti sirboota lama ‘clip’ hojjatee kan xumurefi ammas hanga ‘clip’ 8 irratti hojjataa akka jiraaniidha kan Aabbush dubbate. Kiliipponi hanga ammaa hojjatamanii ummata bira gahan isa Artist Habtaamuutiifi isa Hawwiiti.
Aabbush karoora woldorgommii sirbaa sadrkaa aafrkittaii godhamu ‘Kora Music Awards’ irratti hirmaachuudhaaf fedhii qaba; kanaafis hojii injifachuu isa dandeessisu irratti bobba’eera. Aabbush Kora Music Awards irratti dorgomuu kan barbaadu sirboota isaa Jaaljiloofi Shubbee Daaima Lawwee jedhu qabateeti. Kanaaf kiliippota kanniin bifa haarawaan hojjataa akka jiruudha kan ibse.