More

    ABO-QC akka haarawaatti uf ijaaruu fi hooggana haarawas filachuu ifa  godhe

    Woldiddaa 2001 ABO keessatti uumameedhan kan ABO-Shanee fi ABO-QC uume

    Addi Bilisummaa Oromoo, yeroo heddu ABO-Qaama Cee’umsaa, jedhamuudhaan beekamu akka haarawaatti uf ijaaruu fi hooggana haarawas uumachuu isaa ifa godhe. Akka ibsa jarmaya kanaatti Ob.Galaasaa Dilboo fi Ob.Mulugeetaa Moosisaa dura taa’aa fi itti aanaa dura taa’aa ta’uudhaan filatamaniiru. Adeemsi filannoos kan sirna dimokraasii jarmayichaa eegee geggeeffame ta’uu isaa jaramyichi ibsa isaa keessatti tuqeera.

    Hooggana ABO keessatti  woldhabdee bara 2001 uumameen ABO dhanquu ta’ee as baye. yeroo kanatti kan garee ABO-QC fi ABO ‘Shanee’ uumaman. Jaramayaaleen kunniin hooggana garagaraa qabaatanis alaabaa fi asxaa tokkoon socho’u. Falmaan kan jiru ‘ana ABO’n dhugaa’ waan jedhu bira. Yeroo gargar bayamee eegalee ABO-Shanee Ob. Daawud Ibsaati kan hoogganaa jiru. Hooggana ABO-QC’n wolqabatee si’a heddu maqaa Ob.Galaasaa fi Ob.Dhugaasaa Bakakkooti kan ka’aa ture. Jijjiiramni hoogganaa amma ABO-QC godhe jedhu kuni isa dura tureen eessa biratti akka adda ta’e ammatti hedduu ifaa miti. Gareen kuni namoonni biraas sadarkaa addaddaatti gara hoogganaatti dhufuu tuquun alatti maqaa isaanii osoo hin tarreessin hafeera.

    Bara 2001, yeroo waldhabdeen uumamee, kaasee garee kanniin lamaan jiddutti naga buusuudhaaf tattaafiin godhamaa tureera. Milkiin garruu kan argamu hin taane. Asuma dhihoo kanatti, naannoo bara 2012 – 2014, mariin tokkummaa geggeeffamaa jiraachuu fi dhimmoota heddu irratti inumaa wolii galamuu isaati kan dubbatamaa ture. Labsiin amma ABO-QC’n qabatee as baye kuni kan ifa godhe hafuuraa fi fedhiin tokkummaa  garee kanniin jidduu ture yeroo sanis akkuma ammaa kana fagoo ta’uu isaati kan ragaa bayu.

    Ob.Mulugeetaa Moosisaa
    Ob.Mulugeetaa Moosisaa

    Gareen ABO-QC ciminaan Oromoof akka qabsaayuuf kutate ibsa isaa keessatti tuqeera. Oromoo fi hawaasa addunyaafis waamicha godheera.

    Gama biraatiin, tankaarfiin ABO-QC’n amma fudhate kuni kan ifa taasise qabsaawonnii fi hoogganoonni hangaffan, garuu yeroo dheeraadhaaf duuba-duubaan imala Qabsoo Bilisummaa Oromoo taajjabaa turan amma as bayuudhaan teessoo gara funduraa qabachuudhaaf fedhii qofa osoo hin taane murteeffachuu isaaniiti.

    Kan Oromoof qabsaaya jedhu hunda haa milkeessu jenna!

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.