More

    UN Human Rights Council yakka mootummaan Itoophiyaa Oromiyaa fi naannoo Amaaratti raawwataa jiruuf xiyyeeffannaa akka laatu HRW gaafate

    Haalli Itoophiyaa keessa jiru sadarkaa yaachisaa irra gayeera jedha HRW

    Dhaabbanni mirga namoomaa Human Rights Watch (HRW) gocha suukkanneessaa mootummaan Itoophiyaa lammii isaa irratti raawwataa jiruuf xiyyeeffannaan barbaachisu hundi akka laatamu Mootummoota Gamtoomanitti Damee Falmaa Mirganamoomaa (UN Human Rights Council ) gaafate.

    Ibsa baaseen, HRW yeroo dabretti, keessumattuu Oromiyaa fi naannoo Amaaraatti, yakki guddaan ummata nagaa irratti humnoota mootummaan raawwatamaa turuu saaxila. Erga Sadaasa 2015 kaasee lubbuun namooota 500 oli harka mootummaatti galaafatamuu kan mul’ise ibsi HRW kuni, namoonni kumaatamatti laakkawaman yakka tokkoon maletti daandii irraa guuramaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuu isaaniis addeessa.

    Mootummoota Gamtoomanitti Dameen Falmaa Mirganamoomaa dhimma yaachisaa kanaaf xiyyeeffannaa gayaa akka laatuu qabu hubachiisa, isbi HRW.  Itti dabaluudhaanis, HRW ajjeechaa fi yakki dhala-namaa irratti raawwatame qaama walabaan akka qoratamu UN Human Rights Council gaafata.

    Fira
    Fira
    Oromoo humneessuu fi Afaan Oromoo guddisuudha hawwiin koo! Namoonni hawwii koo qoodamtan, ammas odeeffannoo qabdan naqunnamaa. email awaashpost@gmail.com

    Latest articles

    Related articles

    1 Comment

    Leave a reply

    Please enter your comment!
    Please enter your name here

    This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.